Xurree ittiin seenan

Breaking News

Jiraattonni Magaalaa Duraamee fi Naannoo Sanaa Mormii Irra Jiru


FAAYILII - Magaala Hawaasaa, Sadaasa 19, 2019
FAAYILII - Magaala Hawaasaa, Sadaasa 19, 2019

Mormiin waa’ee magaalotaa teessoo bulchiinsaa naannoo kibbaa Itiyoophiyaatin walqabatee magaalota naanichaa tokko tokko keessatti taasifamuu itti fufee jira.

Magaalota kana keessaa tokko kan taa’ee fi godina Kambaataa Xambaaroo keessatti kan argamu Duraamee keessatti cufamuun manoottan daldalaa heduu qibxata har’aas guyyaa lammafaadhaaf itti fufee olee akka jiru beekameera.

Mormiin kun kan jalqabee bulchiinsaa haaraa “Giddu galeessaa kibba Itiyoophiyaa” jedhamee moggafameef magaalotaa teessoo qaamoolee motummaa ta’ani filataman keessa gahee guddaan nuuf hin kennamne jechuudhaan akka ta’e ibsamrrera.

Akka gabaasnii dhimma Kanaan walqabatee ibsutti, waajiraaleen bulchiinsa naanichaa magaalotaa Torba keessaatti qoqqodamanii, Torbanuu sadarkaa walqixa ta’etti akka teessoo naanichaatii ilaalaman murtaa’e jiraa. Haata’u malee Jiraattonii magaala Duraamee akka sagalee Amerikaatti himanitti magaalichii kan argatee biiroo bulchiinsa naannoo tokko qofa. Isaa ol nugahuu qaba jechuudhaan jiraattonni magaalichaa kan mormii taasisuuf murteessan.

Akka jiraattonni Duraamee dabalanii ibsanitti mormiin manaa keessaa bahuu lagachuu magaalota godinicha keessa jiran biroo keessatis itti fufee jira.

Imaamatii naanichaa inni magaalotaa “teessoo bulchiinsaa hedduu qabchuu” jedhu jalatti teesoo seera tumtootaa, kan seraa raawwachistootaa fi teesoo dameewwan qaamoolee haqaa magaalotaa Torba keessatti kan qooduu ta’uu isaa gabaasnii Yoonaatan Zebidiyoos magaala Hawaasa irraa qindeesse ibseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG