Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dhaabbileen Hawaasa Addunyaa Dhimma Wal Waraansa Sudaan Irratti Waamicha Dhiheessan


Namoota Suudaan keessaa baqatanii Chaadi gahan, Adoolessa 26 , 2023.
Namoota Suudaan keessaa baqatanii Chaadi gahan, Adoolessa 26 , 2023.

Walwaransi Sudaan eraga jalqabamee Ji’a Afur Ta’ee lammilee biyyaati hanqina nyaataa, du’a, madaa’uu, hokkoraa saalaafi gidiraawwan birootiif saaxelee ilaalchisuudhaan dhaabbileen mootuumoota gamtoomanii fi dhabbileen hawaasa adduunyaa biroo 20 ta’an qibxata har’aa waamichaa nageenyaa dhiheesanii jiru.

Dhaabbileen mootumoota gamtoomanii warren hojii fayyaa, dhimma godaantotaa fi baqattootaa, kan mirga namoomaa fi dhimmaa nyaataa irratti hojjatan wareen waamichaa kan dhiheesan keessaa isaan tokko. Akka gareewwan kun jedhanitti gargaarsaa maallaqaa doolaara Biiliyoonii Sadii ta’u yeroo lama gaafatanus amma ammaati kan argamuu danda’e dhibeentaa 27 qofa.

Dhaabataa fayyaa Addunyaa/ WHOti dubbi himtuu kan ta’an Margaareet Hariis guyyaa har’aa wajjira dhaabatichaa Jeveevaati argamu irraa yaada kennaniin hawaasin aduuunyaa fedhiwaan ciccimoo ummata sudaan akka dagate ibsanii akka wantii caalan hojjatamuu qabu gaafatanii jiru.

Dubbi himtuun wajjira mirga namoomaa kan mootumoota gamtomanii Liizii Tirooseel namoonni kuma Afuritti tilmaamaman du’uu isaanii yemuu ibsani, dubii himaan jaarmiyaa dhimaa baqattootaa UNHCR Wiliyaam Spindiler gama isaaniitin, sababa walwaraansa kanaatiin namoonni Miiliyoonii 4.3 jereenyaa isaanii irraa akka buqa’an ibsaniiru.

Dhaabbata mootumootaa gamtoomanitti qindeessaan gargaarsaa namoomaa gargaarsaa qarshii doolaara biliyoonii lamaa fi qabxii 27 gaafatee kan argachuu danda’e garuu doolaara miiliyoonii 651 qofa akka ta’ee ibsera. UNHCR gama isaatiin gargaarsaa doolaara miiliyoonii 566f waamichaa dhihessee kan argachuu danda’e garuu miiliyoona 175 qofa akka ta’e ibsee jira.

Walwaraansii garee jeeneralotaa Sudaan gidduutti taasifamaa jiru kan jalqabaee Ebila 15 bara 2023 ji’a Afuran har’aa yemuu ta’u, dhaabanni mootumoota gamtoomanii fi gareewwan mirga namoomaatiif falman yeroo Sanaa jalqabanii dhiibaa gareewan walwaraansa keessa seenan dhiibbaa mirga siviilotaa irratti taasisan mormaa turan.

Erga walwaraansichii jalqabamee as dhimmaa gargaarsa namoomaatiin walqabatee waliigalteen dhukaasaa dhaabuu yeroo Sagal taasifamus akka fiixaan bahuu hindandeene ibsii gareewwan hawaasa adduunyaa kun dabalee eeree jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG