Pireeziidaantiin Yuunaayiitid Isteetsi duraanii Doonaald Tiraamp Yakkoota osoo gara aangoo Pireziidaantummaatti hin dhufiin, yeroo aangoo pireziidaantummaa irra turani fi erga aangoo irraa bu’anii booda raawwataniiru jedhamaniin kan ka’ee mana murtii Feederaalatti galmee himannaa isaan irratti banamee hordofaa jiru.
Amma immoo sadarkaa kutaa biiyatiiti filannoo gidduu seenaniiru himannaan jedhu irratti dhiyyateera.
Manni Murtii guddichi kaawuntii Faaltoon kan kutaa bulchiinsa Joorjiyaa wiixata kaleessaa galgala Pireeziidaantii Ameerikaa duraanii Doonaald Tiraampii fi namoota 18 biroorratti bu’aa filannoo pireezidaantummaa bara 2020 gaggeeffame garagalchuuf yaalaniiru jechuun himannaa 41 irratti banuu ifoomseera.
Himannaa kanaanis Doonaald Tiraampi seera Raakterii Joorjiiraa Isa “RICO” jedhamuun beekamu cabsuu , shira xaxuuf yaluu fi soba sobuu kan jedhan dabalatee yakkoota ciccimoo 13’n himatamaniiru.
Kanneen Doonaald Tiraampi waliin himannaan isaanirratti dhiyaate biroon hojjettoota masaraa mootummaa Yuunaayitid Isteetsi waayit haawusi kan yeroo Doonaald Tiraampi aangoorra turanii, Keessumaa kanneen duula na filadhaa bara 2020 gaggeessaa turanii fi qondaaloota ministira haaqaa yeroo Doonaald Tiraampi aangoorra turanii keessatti argamu. Akkasumas kanneen namoota kana waliin shira xaxaniiru jedhaman baay’inni isaanii 30 ta’an , garuummoo maqaan isaanii ammaaf hin ifoomsamiin himannaa kana keessatti akka argamanis beekameera.
Abbaan Alangaa Kaawuntii Faaltan Fani Wiilis dhaddachoonni Doonald Tiraampi himatamanii amma hordofaa jiran sadan Filooriidaa, Niwuuyoorkii fi Waashingitanidha. Inni alanaahoo eessatti ta’aa jedhamee gaaffii gabaastoota sabaa himaaleerraa dhiyaateef yommuu deebisan.
Forum