Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hoomaan Hawwaannisaa Aanaalee Tigraay 17 Weerare 


FAAYILII - Hoomaan hawwaanisaa naannoo Tigraayitti kanaan dura mullate
FAAYILII - Hoomaan hawwaanisaa naannoo Tigraayitti kanaan dura mullate

Hoomaan hawwaanisaa naannoo Tigraay aanaalee 17 weeraruu isaa bulchiinsi yeroo kan naannichaa beeksisee jira. Weerara hamaa kana ittisuuf michoonni biyyattii mootummaan federaalaaf hawaasi addunyaa akka birmatu illee bulchiinsichi waamicha dhiyeessee jira.

Mootummaan bulchiisa naannoo Tigraay kan yeroo, hoomaan hawwaannisaa yeroo ammaa aanaalee 17 waliin ga’ee jira jechuu dhaan biqiltuu midhaanii mancaasee rakkoo wabii nyaataa daran hammeessuuf deema jechuun yaaddoo qabu ibsee jira.

Bulchaan naannoo sanaa Geetaachoo Reddaa, erga yeroo dhiyoo as kan mudate weerara hoomaa hawwaannisaa ittiin jedhanii jiran. Bulchiisi naannoo Tigraay kan yeroo, lammiiwwan Tigraay, fi michoonni keenya, mootummaan federaalaa fi hawaasi addunyaa qormaata guddaa kana irra akka aannuuf waan danda’an mara akka godhan waamicha dabarsa jechuu dhaan ergaa twiiter irratti barreessaniin ibsanii jiran.

Waajjirri dhimmootii qindeessa gargaarsa namoomaa kan Tokkummaa mootummootaa OCHAn akka jedhetti, naannoo Tigraay gama kibbaa keessaa keessaa lafa hektaara 33,000 ol irra kan jiru midhaan yeroo makaraatti hirkatee kan jiraatu uummanni 253,300 ol weerara hoomaa hawwaannisaa fi oomishi manca’uuf saaxilamee jira jedhe jechuun Mulugeta Atsbehaa gabaaseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:52 0:00
More
XS
SM
MD
LG