Xurree ittiin seenan

Breaking News

Walitti Bu’iinsa Liibiyaa Keessatti Uumameen Lubbuu Namoota 27 Tu Darbe 


Magaalaa guddoo Liibiyaa Tirippoolii keessatti walitti bu’iinsa gareelee wal fincilan lama gidduutti umameen namoonni 27 du’uanii kanneen 106n ta’an madaa’uu ogeeyyiin fayyaa beeksisaniiru.

Walitti bu’iinsi kun Birgeedii beekamaa 444ffaa fi Al-Rada ykn humna addaa ofi irraa ittisaa, kanneen bara 2011 Mo’aammar Gadaafiin aangoo irraa erga darbatamanii booda aangoo qabachuuf wal dorgomaan keessaa lama giddutti uumame.

Dhaabbati oduu Ferensaay AFPn akka gabaasetti maatiiwwan 234 naannoo adda waraanaa kan gandeen magaalaa guddoo irraa gama kibbaatti jiru keessaa baafamaniiru. Doktoronii fi ogeessonni fayyaa kanneen biroo namoota madaa’an wal’aanaa turan illee gamasitti danqamaniiru. Hospitaalonni yeroof bakkeetti tolfamaniif ambulaansonni 60 ta’an erga lolli sun ka’ee booda gamasitti bobba’aniiru.

Angawaan ministrii dhimma biyya keessaa tokko akka jedhanitti walitti bu’iinsi sun kan ka’e hoogganaa birgeedii baakamaa kan 444ffaa colonel Mahaammud Hamzaa mormituu isaanii kan ta’an humnoota Al-Raddaan Wixata darbe erga hidhamanii booda.

Kibxata darbe dugdee kibba gama bahaatti kan argamuuf qabiyyee cimaa Al-Raadaa ta’uunkan beekamu manni Sog El-Juma’aa kan tokkummaa mootummootaan beekkamtii argate mootummaa muummicha ministeeraa Abdulhamiid Dibeebaah waliin walii galtee irra ga’uu isaa beeksisee jira. Walii galteen kunis Hamzaan gara qaama walaba ta’etti akka darban taasisa.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG