Angawoota waraanaa haleellaa suukaneessaa lubbuu galaafate jalaa baraaruuf helikoopterri ergamte kutaa Naayjeeriyaa kaaba giddu galeessaatti namoota hidhataniin dhukaasa banameen kuftee caccabuu ishee kanneen ijaan argan Roobii har’aa dubbatanii jiran.
Humni qilleensaa Naayjeeriyaa helikoopterri MI171 jedhamtu ergama baraarsaa irra utuu jirtuu biyyattii gama kaabaa bakka haleellaa shiftootaan akkaan miidhame keessatti rukutamuun gabaasamee jira.
Humni qilleensaa sababaan balaa sanaa qoratamaa jira jechuu dhaan balaa sanaan miidhaa dhaqqabe ilaalchisee ibsa bal’aa hin kennine.
Jiraattonni garuu AP dhaaf akka ibsanitti helikoopterittiin haleellaa dursee raawwatameen angawoota waraanaa ajjeefaman gamasii baasuuf aanaa Shiroo keessatti rasaasaan rukutamte jedhan.
Gareen shiftootaa sun irra hedduun sababa dhiyeessiin lafaa fi bishaanii irraan kan ka’e kanneen kurna hedduuf hawaasa qonnaan bulaa waliin walitti bu’an tikfattee bulaa meeshaa waraanaa gurguddaa hidhatanii ti.
Prezidaantiin Naayijeeriyaa Bolaa Tinbuu kibxata galgala ibsa kennaniin maatii miidhamtootaaf gadda itti dhaga’ame ibsanii, biyya isaanii jaal’ataniif wareegama qaalii kaffalan jedhan.
Miidiyaa hawaasaa irra viidiyoowwan deddeebi’aa jiran, helikoopteroota gubatanitti marsuu dhaan hidhattoonni meeshaa waraanaa qabatan ennaa dhaadatan agarsiisa.
Forum