Xurree ittiin seenan

Breaking News

Walittibu'insi Naannoo Amaaraa Keessatti Jeeqama Kaase Karaa Marii Nagaa Akka Furamu Gamtaan Afrikaa Waamicha Dhiheesse 


Asxtaa Gamtaa Afrikaa gidaadarraa mullatu, Wajjira Muummee dhaabbatichaa, Finfinnee, Guraandhala 19, 2023.
Asxtaa Gamtaa Afrikaa gidaadarraa mullatu, Wajjira Muummee dhaabbatichaa, Finfinnee, Guraandhala 19, 2023.

Qaamooleen Naannoo Amaraa keessatti wal lolaa jiran hatattamaan lola dhabanii karaa nagaa waliin dubbachuu qabu jechuun waamicha dhiyyeessan dura taa’aan Komishinii Gamtaa Afiriikaa Muusaa Faakii Mahaammat.

MusaaFakiin Ibsa isaanii Roobii kaleessaa kennaniin keessatti nagaa fi tasgabbii Itiyoophiyaa keessatti fiduuf tattaffii lammiileen Itiyoophiyaa taasisaniif Gamtaan Afiriikaa akka deeggaru eeraniiru.

Komishiniin Mirga namoomaa Itiyoophiyaa haala wal dhabdee mootummaa fi humnoota Faannoo Naannoo Amhaaraatti mudatee jiru ilaalchisuun ibsa torbaan darbe baaseen dhaabileen kanneen akka IGAD, Gamtaan Afiriikaa, dhaabbanni Mootummoota gamtoomanii fi hawaasni Idil- Addunyaa gidduu akka seenu gaafachuun isaa ni yaadatama.

Naannoo Amaaraa keessatti jeequmsoonni ka’anii turaniin tajaajiloonni hawwaasaa garaa garaa magaaloota kanneen akka Baahirdaar, Gondar, Dabirebirhaan, Dabire Maarqoos, Shawaa Roobitii fi Laalibalaa keessatti addaan citanii turan erga mootummaan to’ateen booda jalqabamuu isaanii jiraattoonni mootummaan naannichaa ibsuu isaanii oduu keenya kaleessaa keessatti gabaasnee ture.

am/mn/dw

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG