Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dhaabbatni Safaricom Tajaajila Maallaqaa Yokaan Faayinaansii M-Pesa Jedhamu Itiyoophiyaatti Jalqabuu Isaa Beeksise  


FAAYILII - Hojjattoota Safaarikoom beeksisa dhabbatichaa bagarsiisaa jiran, Finfinnee, Onkoloolessa 6, 2022
FAAYILII - Hojjattoota Safaarikoom beeksisa dhabbatichaa bagarsiisaa jiran, Finfinnee, Onkoloolessa 6, 2022

Dhaabbanni Teleekom Safaarikoom jedhamu Tajaajila Faayinaasii M –Pessa jedhamu Itiyoophiyaa keessatti akka jalqabu Roobii darbe beeksise. Kunis dhaabbata teleekoomii Keeniyaa waliin kan hojjetu Itiyoophiyaa keessatti jalqabuun isaa guddina diinagdee Afiriikaaf jajjabina guddaadha jedhameera.

Safaariikoom dhaabbata Afirikaa kibbaa Vodaafoonii fi Kan Biriiteen Vodaafonii’n hoogganamu tajaajila Teleekoom biyyoota gaanfa Afiriikaatti tajaajila kennuu kan jalqabe waggaa darberraa kaasee yoommuu ta’u maamiltoota miiliyoona lamas argateera.

Safaariikoom Itiyoopiyaatti hojiigaggeessaa yeroo kan ta’an Istaanleey Joroojii, Itiyoophiyaa keessatti tajaajila Faayinaansii jalqabuun keenya tajaajila gama kanaan jirurratti jijjiirama fidee dhufa jedhanii , tajaajila maamiloonni keenya M- Pessa irraa barbaadan babbal’isaa deemnas jedhan.

Bara 2007 tti Keeniyaatti Tajaajila Faayinaansii M- Pessa Keeniyaatti kan jalqabsiise Safaariikoom tajaajila Faayinaasii guddaadha. Yeroo ammaa kanas biyyoota kanneen akka Masirii, Rippaabuliika Dimookiraatawwaa Koongoo, Gahaanaa , Keeniyaa, Lesseetoo , Moozaambikii fi Taanzaaniyaa keessatti tajaajila kennaa jira.

reuters/mn/dw

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG