Hooggantoonni Waraanaa Biyyoota hawaasa diinagdee biyyoota Afiriikaa Lixaa fonqolcha Mootummaa ji’a darbe Niijeeritti taasifameef deebii kennuuf akkasumas gidduu seentummaa humna waraanaan fudhachuuf yaa’ii guyyoota lamaaf turu Gahaanaa magaalaa Akiraatti jalqabaniiru. Yaa’ii kana Kamisa har’aa kan jalqaban yommuu t’u hanga jimaata booriittis itti fufa.
Gareen diinagadee biyyoota Afiriikaa lixaa “ECOWAS” Roobii darbe akka beeksisetti humnoonni waraanaa eeggataan Niijeer keessatti heera biyyaattii bakkatti deebisuuf akka qophaa’an ajajni kennamuu ifoomseera.
Yaa’iin Akiraatti taasifamu kunis karoora isa humni waraanaa eeggataan naannichaa akka qophaa’u ajajame xumura itti taasisas jedhameera.
Osoo mariin kun hin jalqabiin dura humnoonni finciltootaa Niijeer keessatti haleellaa raawwataniin humnoonni waraanaa Niijeer 17 ta’an jalaa du’aniiru. Garen hawaasa diinagdee biyyoota Afirikaa Lixaa ECOWAS haleellaa kana hordofee ibsa baaseen Niijeer keessatti mootummaan sirnaa kan heera biyyattii irratti hundaa’e bakkatti deebifamuu qaba jedhee, kunis erga fonqolcha mootummaa biyyattii keessatti raawwatee as haalli nageenya biyyaattii daran dadhabaa ta’uu isaatii jedheera.
Gareen Juuntaa fonqolcha Pireziidaanti Mohaammad Baazuum irratti fudhatan garee leellistoota Islaamummaa irratti tarkaanfii fudhachuun barbaachisee waan argameef jedhanii ture.
voa/mn/dw
Forum