Xurree ittiin seenan

Breaking News

Goojjam Lixaa Keessatti Walitti-Bu'insa Kaleessa Ta'een Namoonni Lakkoobsi Isaanii Hin Beekamiin Du'uun Himame 


FAAYILII - Magaala Dasee, naannoo Amaaraa
FAAYILII - Magaala Dasee, naannoo Amaaraa

Naannoo Amaaraa Godina dhiya Goojjam keessatti Roobii darbe gareelee wal fincilan gidduutti walitti bu’iinsa uumameen namoonni lakkoobsi isaanii hin ibsamin du’uu jiraattonni VOAf ibsaniiru. Naannoo sana godina kaaba Shawaa keessatti hidhattoonni eenyummaan isaanii hin beekamne Kibxata darbe haleellaa angwoota naannoo irratti geggeessamu itti fufee jiruun, ajajaan poolisii aanaa Antsookiyaa Gemzaa ajjeefamaniiru.

Gama biraan rakkoon nageenya naannoo Amaaraa itti fufee jiru sochii gargaarsa namoomaa danquu isaa OCHAn beeksisee jira. Gabaasa haala jIru ilaalchisuun Kamisa kaleessaa baaseen dhaabbatichi Tokkummaa mootummootaa akka jedhetti, weerara dhibee Koleeraa kan balaa hatattamaa uummataa naannoo Amaaraa keessatti uumameef deebii kennuu dabalatee hojii gargaarsa namoomaa irraan dhiibbaa geessisuu isaa ibsee jira.

Torbanneen darban keessa walitti bu’iinsa naannoo keessatti uumame, yeroo waggaa tokko hin guutin keessatti walitti bu’iinsa kaaba Itiyoophiyaa waggoota lamaaf ture irraa dandammachuu kan hin dandeenye rakkoo lammiiwwan nagaa hammeessuu mala jechuu dhaan gabaasichi tuqee jira.

Akka gababaasichaatti erga Hagayya lamaa qabee aanaalee 20 naannoo sanaa keessaa namoota dhibee Koleraan qabamaan 2.304 fi kanneen 37 ta’an du’uu isaa gabaasee jira. Aanaa Quwaaraa, wiirtuu weerara dhibee kanaa fi naannoo Matammaatti dhiyoo kan taate, naannicha keessaa namoota vaayiresichaan qabaman dhibba keessaa harki 95 kan keessatti argamanii dha jedha gabaasi Aster Misgaanaaw ergite.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG