Walitti-bu’insa Naannoo Amaaraa keessa jiruun walqabatee godina Goojjam bahaa magaalaa Amaanu’eel keessatti namoonii 30n du’uu isaanii kanneen ijaan argineerra jedhan Sagalee Amerikaatti himuun isaanii gabaasamee jira.
Oduun kun akka qama bilisa ta’een hin mirkaanoofne kan eree gabaasni Asteer Misgaanaawuu Finfinnee irraa sagalee Amerikaatiif ergite akka dabalee ibsetti, kamisa dheengaddaati kaasee lala umnoottan mootummaa fi hidhattootaa gidduutti taasifaamaa jiruun namoonni 28 bakkeewwn birootis ajjeefamuu isaanii beeksisee jira. Godina Goojjam lixaa magaala Dambacaa keessaatti lola tureen siviilota, miseensota waraana biyyaalesaa fi finciltootaa dabalatee namoottan hedduun du’uu isaanii fi kan 400 ol ta’anu immoo madaa’uu isaanii maddaawwan hospitaalaa VOA ti himuun isaanii gabaasameera.
Karaa biraatin ajajjinni olaanaan halaa attaamaa kan naannoo Amaaraa, hojii guyoottan kudha sadan darban raawwataman irraati ibsaa gamagamaa baaseen, bakkaa naannichaa hedduu keessaatti hawwassi umna nageenyaa waliin ta’uudhaan akka nageenyi mirkanaa’uu taasiasuu isaa beeksisee jira. Mootummaa naannichaa akkana jedhus, ammas godinaalee Goojjam bahaa fi lixaa keessaatti muddamnii akka itti fufee jiru jiraattonni sagalee Amerikaatti himaniiru.
Halumaa nageenyaa naannoo Amaaraa keessa jiru Kanaan walqabatee, Kanaan duraa itti aanaa itti gaafatamaa dhimma nageenyaa fi nagaa naannichaa kan turan koloneel Alebel Amaaree Kamisa darbe magaalaa Baahirdaar keessaa bakka hojii isaanii irra qabamanii akka hidhaman maatiin isaanii sagalee Amerikaatti himaniiru. Kolonee alebel Amree ajjeechaa barra 2011 haanga’otaa mootummaa naanichaa irratti raawwateen walqabatee hidhamanii akka turan maatiin isaanii akka himan gabassin Asteer Misgaanaawu dabalee ibsee jira.
am/bd/dw
Forum