Xurree ittiin seenan

Breaking News

Bulchiinsi Naannoo Giddu-Galeessa Itiyoophiyaa Kibbaa Godinaalee Haaraa Caaseffatee Jira


Marfata Summudaa, magaala Hawaasaa, Sadaasa 19, 2019
Marfata Summudaa, magaala Hawaasaa, Sadaasa 19, 2019

Dhiheenya kana kan hundeeffame, bulchiinsii naannoo walakkeessa kibbaa Itiyoophiyaa godinaa haaraa “ Guraagee bahaa” jedhu hundeesuu isaa beeksisee jira. Godinii haaraan hundaa’e kun, Masqaan, Masqaan bahaa, anaa Soodoo fi aanaa Bu’ii akkasumas, magaalota Buttaajiraa, Sooddoo fi Inseenoo kan of keessaa qabu akka ta’e ibsameeraa.

Hundeeffamaa godina addaa kana ilaalchisee magaala gudicha godinichaa Buttaajiraa keessaatti Dilbata kaleessaa haalli murticha gammachuudhaan fudhachuu mulachaa akka ture gabaasamaara. Bulchiinsii naannoo haaraan kun godinaalee fi aanalee biroos akka hundeesuuf deemu ibsee jira.

Waggoottan kurnan Sadii darbanii fi kibba Itiyoophiyaa keessatti, waa’ee ofiin of bulchuu fi bulchiinsa mijataa ta’ee qabaachuuf jechaa gaafii ka’aa tureen walqabatee namoottan hedduun jireenyaa isaanii irraa buqa’uu isaanii fi du’uu isaanii kan ibsee gabaasni Yoonaatan Zebdiyoos Awaasaa irraa qindeesee, mannii maree naannichaa komishineerii komishiinii Poolisii Itiyoophiyaa duraanii Endaashaawu Xaasewu Bulchaa naannoo walakkeesaa kibbaa Itiyoophiyaa isa jalqabaa akka ta’n filachu isaa ibseera.

yz/bd/dw

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG