Barreesaa olanaan feedereshiini fannoo diimaa fi Ji’a diimaa Aduunyaa Jaagaan Chaappageen dhimmaa gargaarsaa lammilee Sudaanif taasifamaa jiruu ilaalchisuudhaan ibsa kennaniin, dhaabbanni isaanii gargaarsaa dolaaraa miiliyooni 45 hawaasa addunyaa gaafatee, sana keesaa dhibeentaa Torba qofa akka argatee himaniiru.
Haaga’ichii magaala Kaayiroo keessatti ibsaa madda oduu Assooshiyeet Prees/AP fi kennaniin ummanni Sudaan gargaarsaa, michumma fi fedhii atattamaa akka barbaaduu ibsanii fedhiin gargaarsaa biyyatii keessa jiruu kan dhugaatii jedhaniiru.
Chaappaageen itti dabaluudhaan hawaasitti adduunyaa birmannaadhaa fi michummaa wagga darbee wareen walwaraansa Raashaa fi Yuukreenin midhamaniif taasisee ummata Sudaaniifis taasiuu akka qabu hubachisaniiru.
Doolaaraa miiliyoonii 45 gaafatameen allaati wareen walwaraansicha baqatanii biyyoottan olla keessa qubatanii jiran lammiile Sudaan degeruudhaaf Doolaarri miiliyooniin 35 dabalataan akka barbaachisu kan ibsan haanga’an fannoo diimaa fi ji’a diimaa, biyyootaa olla Sudaan keessaa biyyi Masr amma Hagayyaa tokkootti baqattoota kuma 200 fi kuma 72 simachuu ishee ibsanii guyyaa guyyaatti baqattoonni 400 amma 600 ta’an daagaa Masir qaxxaamuraa akka jiran himaniiru.
Dhaabbata mootumoota gamtoomanitti, jaarmiyaan dhimmaa godaantotaa akka jedhetti, sababa walwaraansa Sudaan Kanaan kan ka’ee namoottan miiliyoonii Sadii fi qabxii Afur qe’ee isaanii irraa buqa’anii, kanneen keessaa miiliyiinii tokko ol kan ta’an, daagaa ce’uudhaan, garaa Masr, Chaad, Sudaan kibbaa, Itiyoophiyaa fi Repabiliikii Walakkeesaa Afrukaatti baqatanii jiru.
ap/bd/dw
Forum