Biyyaa garee saamtotaa fi ofiin bultootaan jeeqamaa jirtu Hayiitii baraaruudhaaf jechaa kan garaa biyyatitii poolisotaa ishee erguudhaaf murteesite biyyii Afrikaa bahaa Keeniyaan qondaaltotaa Poolisii bobbaaftee jirti. Akka gabaasinii Assooshiyeetid prees ibsetti qondaaltonni pooliisii keeniyaa erga Hayitii gahanii booda, konkola’attotaa waraanaatiin marsamanii garaa embaasii Yuunayitid Isteetsti imalanii jiru.
Poolisoonii Keeniyaa kun lola samtootaa fi ofiin bultoota Hayitii wajjiin keessaati taasifamaa jiru irraatti poolisotta mootummaa biyyatti waliin ta’uudhaan eegumsaa fi sakata’insa taasisuudhaan akka gargaaran beekameera.
Dhaabanii mootummoota gamtoomanii Jimataa dheengaddaa dhimma Hayitii irratti ibsa kenneen, waan biyyatti keessatii ta’aa jiru “ gara jabummaa garmalee” jechuudhaan, sababa saamichaa fi ajjeechaa Kanaan namoonii kumaatamaan lakkaawaman baqachaa akka jiran ibseera.
Amajii 1, 2023 jalqabee ammaa Hagayaa 15 ,2023 ti namootan 2,400 ajjeefamanii, 950 ol kan ta’an umnaan butamanii, kanneen biroo 902 immoo madaa’uu isaanii dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti dubbii himtuun komishini ol anaa mirga namoomaa Raaviinaa Shaamdasanii himanii jiru.
Biyyaa kutaa kaaribiyaan keessatti argamtuufi jiraattotaa miiliyoonii 11 qabduuf umnii poolisii 10,000 ta’u nageenyaa biyyatti eeguudhaaf gahaa hin taane. Yeroo ammaa magaalli guddichii biyyaatti Poorto u Priins harki 80 too’annoo saamtotaa fi ofiin bultootaa jala jira.
Keeniyaan rakkinaa kana furuudhaaf poolisootaa ishee 1000 ta’a gumaachuudhaaf murteesuun ishe gabaasameera.
Iiti anaan bulchiinsaa poolisii Keeniyaa Noor Gaaboow kan garee Hayitii seene hogganan waa’ee ergama isaanii irraatti akka ibssa kennan gaafatamanii deebii akka hin laatine AP ibseera.
ap/bd/dw
Forum