Xurree ittiin seenan

Breaking News

Wal-Waraansa Sudaan Keessatti Geggeessamaa Jiruun Kan Ka'e Beela Mudateen Ijoolleen Gara Dhibba Shanii Tahan Du'uun Gabaasame 


Walwaransa Sudaan keessaatti taasifamaa jiruun kan ka’e ijoollewwan 500ti dhihaatan rakkina beelaatiin du’uu isaanii dhaabbanni adduunyaa gargaarsa ijollewwanni irratti hojjatu “Save the Children”beeksiseera.
Walwaransa Sudaan keessaatti taasifamaa jiruun kan ka’e ijoollewwan 500ti dhihaatan rakkina beelaatiin du’uu isaanii dhaabbanni adduunyaa gargaarsa ijollewwanni irratti hojjatu “Save the Children”beeksiseera.

Erga walwaransichi jalqabee ji’a Eblaa irraa kaasee bakkawwan dhaabatiichii nyaataa madaalawaa ijoollewwaniif itti kennaa ture 57 akka cufaman kan ibsee “Save the Children”, ijoolleewwan 498 rakkina nyaata gahaa dhabuutin kan ka’e akka du’an beeksisee jira. Yeroo ammaa Sudaan keessatti bakkaawan 108 ti hojjachaa akka jiru kan ibse “save the children” , baha Sudaanitti kan argamuu bulchiinsaa Gadaariif keessatti Ijoollewwan 132 yemmuu du’an, ijollewwan hospitaalaa naanichaa tokko seennan keessaa harkii 36 afaan du’aa irraatti akka argaman beeksiseera.

Bilchiinsaa Waayit Naayil keessatti immoo ijoollewwaan caalan isaanii umuridhaan wagga Shanii gad ta’an 316 kan du’an yemuu ta’u, magaalaa Kaartuum keessatti, daa’imman 20 ol ta’an dabalatee ijoollewwan 50n rakkina nyaata gahaa dhabuutiin walqabatee lubbuu isaanii dhabaniiru.

Ji’a Onkoloolessaa keessaa warshaan nyaataa ijoollewwanni omishuufi save the childreeni fi dhaabbata sagantaa nyaata addunyaa/ WFPfi waggaattii nyaata toonii kuma 10 kan dhiheessu waan gubateef, rakkinichii akka caalaa dabalu taasisee jira. akka WFP ji’a onkoloolessaa keessa ibsetti midhaan nyaataa doolaara miliyoonii 14 baasuu jalaa saamamee jira.

“Save the children” Sudaan keessatti gargaarsaa laachuu kan jalqabe barra 1983 kaasee yemmuu ta’u , bara 2022 keessaa ijoolleewwan miiliyoonii tokkoo fi walakaa dabalatee namoottan miiliyoonii lamaa fi qabxii tokko tajaajiluu isaa beeksisee jira.

Haaluma walqabateen namoottan qe’ee isaanii irraa buqa’ani kutaa lixa Al Fashir bakka ganda Jookhiil jedhamuu qubatanii jiran kuma Sagal ta’anfi gargaarsaa laachuu isa koreen fannoo diimaa adduunyaa ibsuun isaa gabaasameera.

ap/bd/dw

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG