Xurree ittiin seenan

Breaking News

Naannoo Amaaraa Bakkawwan Sababaa Walitti-Bu'insaan Caasaaleen Mootummaa Yeroof Diigaman Keessatti Rakkoon Hammaachuu Jiraattonni Dubbatan  


Jiraattonni Nannoo Amaaraa bakkawwan walitti bu’iinsi keessatti uumame keessaa caasaaleen yeroof diigamuun isaanii sochiiwwan hawaasummaa fi dinagdee irraan dhiibbaa guddaa geessisaa jiraachuu dubbataniiru.

Godina Shawaa kaabaa magaalaa Shawaa Roobit keessatti fakkeenyaaf, waajjiraaleen mootummaa torbanneen sadiif cufaaa turan jedhu jiraattonni kun.

VOAf ibsa kennaniin, haalli nageenyaa fooyya’ina argamsiisus, tajaajila bu’uuraa argachuun addaan cite jira jedhan jiraattonni kun.

Waajjirri qindeessa gargaarsa namoomaa kan Tokkummaa Mootummootaa OCHAn ibsa kaleessa galgala baaseen, haalli naannoo Amaaraa lolaaf wal barbaaduu magaalaalee ijoo ta’an keessaa dabalatee geggeessamaa kan ture baay’inaan tasgabbaa’eera jechuun Mesfin Araagee gabaaseera.

Ma/tk/dw

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG