Walitti bu’iinsi gareelee milishootaa fi walitti bu’iinsa biyya hollaa Sudaana fi Niijer keessaatti aansuu dhaan, sabatiinsi Liibiyaa keessaa balaa guddaa keessa kan jiruu fi biyya boba’aan badhaate kaaba Afriikaatti illee babal’achuu akka danda’u jilli addaa kan Tokkummaa Mootummootaa Abdullaayeee Batilii Kibxata kaleessaa akeekkachiiseera.
Batiliin gola naga eegumsaa kan Tokkummaa Mootummootaa irratti haasawa taasisaniin, addaan qoodamiinsi siyaasaa Liibiyaa keessaa biyyoottan kana hookkaraa fi balaa diigamuuf saaxiluu mala jedhan. Gareeleen wal fincilan kan biyyattii, filannoof sagalee kennuun yeroo dheeraaf boodatti harkifataa ture akka geggeessamutti furmaata akka barbaadan yaadachiisaniiru.
Liibiyaa keessatti filannoo nagaa, kan hunda hirmaachisee fi iftoomina qabu akka geggeessamu gochuuf walii galteen siyaasaa hunda hirmaachise yoo hin jiraatin, haalli isaa daran hammaatee uummata Liibiyaa dararaaf saaxila jedhan.
Dhiyeenya kana Tiripoolii keessatti gareelee ijoo hidhatan lamaan gidduutti walitti bu’iinsi lubbuu galaafate uumamuun isaa, haalli nageenyaa gad adeemuu isaa daran kan ibsu yoo ta’u, xumura waggaa kanaatti filannoo geggeessuuf qophii ta’e illee kan danqu ta’uu jilli addaa kan Tokkummaa mootummootaa kun ibsaniiru. Walitti bu’iinsa sanaan namoonni 55 yoo ajjeefaman kanneen 100 ol ta’an immoo madaa’uun gabaasameera.
ap/tk/dw
Forum