Hoogganaa Garee Vaagineer Piriigoozhiin kan guyyaa kalessaa Balaa xayyyaaraa mudateen du’eera jedhamuu himamuufif Kamisa har’aa namoonni bakka qulqulluu Piiteersbargitti argamuun Abaaboo kaa’aafii jiru.
Roobii Hagayya 23 kaleessaa balaa xiyaaraa Raashiyaa Kaaba Mooskootti uumameen namoonni xiyyaaricha keessa jiran hundi du’uu kan himamuuf isaan keessaa hoogganaan garee warra Vaagraar keessatti argamas jedhameera.
Dhimma kanarratti Kireemliin irraas ta’e Ministira humna Waraanaa irraa dhimma hoogganaa Garee Vaagireen Piriigoozhiin ilaalchisuun yaadni kenname hin jiru.
Miidiyaan hawwaasaa Teeleegiraamii garee warra Vaagnar waliin hidhata qaba jedhamu kana Gireey Zoon jedhamuun beekamu garuu du’uu
hoogganaa garee warra Vaaginaar ifatti labsee, gootaa fi sab-boonaa namoota eenyummaan isaanii hin beekamneen ajjeefame. Warrai gochaa kana raawwatanis Shororkeessitoota Raashiyaati jedheera.
Balaan xiyyaaraa dhaqqabuun dhugaa ta’ee , du’uun hoogganaa garee warra Vaagnaar ifatti himauu dhabuu isaatiin deeggartoonni garee kanaa bakka lammatti hiramuun, gareen kaan Hoogantoota Waraanaa Raashiyaatu ajjeesee fi kan Yuukireenitu ajjeese jechaa jiru.
Gareen warra Vaagnaar ji’a Waxabajjii darbe keessa humna waraanaa Raashiyaarratti finciluun halleellaa humnaa kan fudhatanii turan Pireeziidaantii Raashiyaa Vilaadiimiir Puutiniin hedduu dheekkamsisee kan ture, amma hoogganaan isaanii du’uun garee Vaaginaar hoogganaa malee hambisa yoo ta’e hojii gareen kun gara fuula duraatti Afiriikaa keessattis ta’e biyyoota biroo keesstti hojjetu gaaffii kaasaa jira.
Forum