Xurree ittiin seenan

Breaking News

Haalli Filannoon Biyyaaleessa Zimbaabuwwee Itti Geggeessame Komee Jajjabaa Kaasaa Jira 


Filannoon Biyyaaleessaa Roobii Kaleessaa Zimbaabuwweetti taasifame.
Filannoon Biyyaaleessaa Roobii Kaleessaa Zimbaabuwweetti taasifame.

Filannoo Biyyaaleessaa Roobii Kaleessaa Zimbaabuwweetti taasifameen Sababaa hanqina waraqaa filannoo fi Korojoo filannoo mudateen guyyaan filannoo bakkoota tokko tokkotti akka dheeratu tasasifameera. Koomishiniin filannoo Biyyaaleessaa Zimbaabuwwee gama isaan rakkoo gama seeraan mudate jechuun komata.

Buufata Filannoo tokkotti yeroo buufanni filannoo cufama jedhamee eeggamutti turtii sa’aatii tokkoon booda Poolisiin hidhate waamamee filannoon akka jalqabamu taasifame. Akka filattooni jedhanitti sa’aatiiwwan 12 f hiriiranii dhaabbatanii waraqaa filannoo eeggataa turan. Isaan Keessaa aariin kan dubbatu Marufuu Maandeveree Kun ammayyuu filannoodha jedhama yoo ta’e ani hin beeku. Silaa filannoon galgala Sa’aatii tokkotti cufama jedhamee eegama. Namoonni baay’een asii deemaniiru amma yeroo buufanni filanichaa banamutti silaa yoona kana ni cufama ture jedha.

Namni biraan filannoof bakka kanatti kan argameeru Sabinaa Teeraa kuni tapha komishiniin filannoo taasisaa jiru natti fakkaata jedheera. Akka inni jedhutti “ waan deemaa jiru dhugumaan nuuf hin galle sababiin isaas waraqaa filannoo yommuu ol seensisaa jiran argaa hin jiru ganamarraa kaasee ani balbalarran taa’aa jira. Yeroo isaan waraqaa filannoo galchan hin argine.

Komishiniin Filannoo biyyaaleessaa Zimbaabuwwee ibsa baaseen harkifannaan kun kan uumame falmii cimaa filannoo walii galaa Pireezidaantii amma aangoo irra jiran Emerson Manaangawaa fi morkattoota isaanii kudhan ta’an waliin tureen kan mudate jedheera. Kunis Manaangawaan filannoo kan filatan bakka dhaloota isaa Kiwekiwee kan magaalaa Hararerraa konkaalaataan deemsa sa’aatii sadii fudhatu deemuun filatu.

Bu’aan filannoo Biyyaaleessaa Zimbaabuwweetti taasifame Kan pireezidaantummaa wiixata dhufutti ni ifoomsafama jedhamee eegama , kan mana maree bakka bu’oota UUmmataa ammaoo gaafa Kamisaa ganama bakkoota harkifannaan dhiyyeessii meeshaalee filannoo hin dhaqqabiiniitti ni ifoomsama jedhamee eegama.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG