Xurree ittiin seenan

Breaking News

Manni Maree Naannoo Amaaraa Bulchaa Naannichaa Haaraa Filate 


Oobbo Areggaa Kebbedee bulchaa naannoo Amaaraa ta'uun filaman
Oobbo Areggaa Kebbedee bulchaa naannoo Amaaraa ta'uun filaman

Manni maree naannoo Amaaraa gumii waggaa hojii lammaffaa wal ga’ii hatattamaa tokkoffaa magaalaa Baahirdaaritti geggeessaa jiraachuu sabaa himaan biyya keessaa ibsaiiru.

Gumiin sun ennaa jalqabamu ajandaa keessaa tokko kan ta’e muudama adda addaa kennuu ture. Hoogganaan naannoo sanaa Dr. Yiliqaal Keffaalee itti gaafatama isaanii gad dhiisuuf xalayaa galfataniiru.

Manni marichaa haala nageenya naannoo sanaa irratti qiyyaafachuu dhaan marii geggeessaa ooleera. Marii sana boodas, jijjiirama hanga tokko hojii irra akka oolchan walii galtee irra ga’amee jira.

Bulchaan naannoo sanaa duraanii Dr. Yiliqaal Keffalee xalayaa hojii gad dhiisuuf dhieessan kan simate manni marichaa, bakka isaanii obbo Areggaa Kebbedee bulchaa naannoo gochuun muudee jira. Obbo Areggaa Kebbedees mana marichaa duratti hirbuu seenanii jiru.

Dr. Yiliqaal haasaa dhageessisaniin gara itti gaafatamaatti kan nuti dhufne, haala siyaasaa wal xaxaa wal waraansi fidetti yoo ta’u, weerara nutti qiyyaafate injifannoo dhaan golobnee, hojii misoomaa hedduu illee hojjenneerra jedhan.

Mootummaa dhaan ala humni hidhate jiraachuun akka Yemenii fi Somaaliyaa ta’uu dha kan jedhan bulchaan kun kanneen biroo irraa barachuu hin dandeenyu taanaan eenyu irraa baranna jedhan.

Itti gaafatama uummatii fi mootummaan natti kennan hanga danda’e ba’eera kan jedhan bulchaan kun, waggoottan lamaan darban rakkoolee hawaasummaa, maatii fi fayyummaa dura dhaabbachuun tajaajiluu isaanii dubbataniiru. Paartii isaaniif xalayaa aangoo gad dhiisuu baatilee saddeeti dura dhiyeessanis, haalli jiru akka turan kan isaan dirqisiise ta’uu dubbataniiru.

Yeroo rakkoo keessa aangootti dhufanii yeroo rakkoo aangoo gadhiisuu dhukkubbii isaa kan beeku ana ta’us, waan dandeenye mara garuu gooneerra, paartiin koos gaaffii koo simateeraa jedhan jechuu dhaan sabaa himaan biyyattii gabaaseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:52 0:00
More
XS
SM
MD
LG