Xurree ittiin seenan

Breaking News

Maqalee Keessatti Boombiin Harka Nama Dhuunfaan Darbame Lubbuu Nama Tokkoo Galaafate


Maqalee Keessatti Boombiin Harka Nama Dhuunfaan Darbame Lubbuu Nama Tokkoo Galaafate
Maqalee Keessatti Boombiin Harka Nama Dhuunfaan Darbame Lubbuu Nama Tokkoo Galaafate

Magaalaa Maqalee bakka bashannanaa tokkotti boombii harkaa darbatameen lubbuun namoota afurii darbee jira. Balaan kun kan dhaqqabe ayyaanni Ashandaa bakka geggeessamaa jirutti ta’uu poolisiin magaalattii beeksisee jira.

Waajjirri poolisii magaalaa Maqalee akka ibsetti Hagayya 18 bara 2015 ayyaanni aadaa kan dubartootaa Ashandaan guyyaaa sadaffaaf geggeessamaa utuu jiruu kutaa magaalattii Qedamay weyanee jedhamutti kan argamu bakka bashananaa Daa’iroo jedhamutti boombii harkaa darbameen lubbuun namaa darbe.

Ajajaan poolisii magaalattii komaander Weldaay Maawucaa VOAf akka himanitti halkan naannoo sa’a saddeetii, namni dhuunfaa bakka bashannanaa kanatti haleellaa boombii raawwaten namoota afur du’anitti dabalee kanneen 20 ol ta’an irra miidhaan ga’uu dubbataiiru.

Dhimmi isaa qoratamaa jiraachuu kan ibsan ajajaan kun, hanga ammaatti ragaa argameen namni haleellaa kana raawwate jedhamuun shakkame, jaalallee isaa waliin wal dhabee, jaalalleen isaa immoo bakka bashannanaa sana nama biraa waliin waan turteef hinaaffaan ka’ee akka ta’e ibsaniiru.

Haleellaa kanaan miidhaan irra ga’ee hospitaala Maqalee Aayider namoota seenan keessaa shan miidhaa hamaan kan irra ga’e ta’uu ragaan hospitaalicha irraa argame ibsee jira. Haleellaa kanaan miidhaan irra ga’ee hospiitaalichaatti yaalamaa kan tureef VOAn kan dubbise Daawit Nigusee, ayyaana Ashandaa guyyaa sadaffaa ayyaaneffataa utuu jirruu kun akka tasaa nu irra ga’e jedhe. Shakkamaan sunis battala naannoo sanaa miliqe kan jedhan komaander Weldaay, innis haleellaa boombii sanaan miidhaan irra ga’uu kanneen ijaan argan irraa mirkaneeffachuu ibsaniiru. Eenyummaa isaa adda baasuuf illee poolisiin hordoffii geggeessaa jira jedhanii hanga gabaasi kun qindaa’etti to’annaa jala hin oolle jedhan.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG