Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ajajaan Garee Vaagner Balaa Xayyaaraa Lubbuu Galaafateen Du’uu Mootummaan Raashaa Mirkaneesse 


FAAYILII - Hoogganaa garee waraana Waagner kan ture Prigoozii Yev-genii, Hagayya 21, 2023.
FAAYILII - Hoogganaa garee waraana Waagner kan ture Prigoozii Yev-genii, Hagayya 21, 2023.

Hoogganaan garee waraana Waagner Prigooziin Du’uu isaa mootummaan Raashaa Mirkaneessee jira. Dhaaboliin basaasaa biyyoota warreen dhiyaa Xayyaarattiin rukutamtee kufuu Malti jechaa jiran.

Dhaabbati geejjiba Raashiyaa ka federaalaa, hoogganaan gameessi garee Wagner Yev-genii Prigoozin du’uu kamisa kaleessaa mirkaneessee jira. Prigoozin Roobii hagayya 23 xayyaara dhuunfaa kaaba gama dhiya Mooskootti balaan irra ga’e keessaa toora imaltootaa keessa turan.

Angawoonni Raashaa akka jedhanitti hoogganaan garee Waagner Prigoozin, hoogganaan garee kanaa Dimitirii Utkinii fi gargaaraa ol aanaan Prigoozin Vaaleryy Chekaaloov balaa sanaan du’uu ibsaniiru.

Yuniversitii Dubliini-tti prefeesera barnoota siyaasa sadarkaa addunyaa kan ta’an IScot Luqaas xayyaara sana irra kan ga’e balaa ta’uu dhiisuu mala jedhan.

Dhaaboliin basaasaa warreen gama dhiyaa kan Yunaayitid Isteetis qofa utuu hin ta’in dhaaboliin kan Awrooppaas xayyaarattii rukutuun kan kuffise misaayila farra xayyaaraa fakkaata ergaa jedhu dabarsaa jiran.

Dhaabbati oduu Raashaa TASS balaan sun akka qoratamu mootummaan ajajauu isaa gabaasee jira. Balaan sun kan uumame Pirigoziin hooggana waraana Raashaa irratti finxaalessummaa agarsiisuu erga jalqabanii baatii lama booda.

Luqaas akka jedhanitti xayyaarattiin ta’e jettee kuffifamte taanaanmala mala Putiin ergaa dabarsuu ti. Kun kan ta’e caasaa aangoo Raashaa keessa kanneen jiran dameelee waraana, siyaasaa fi dinagdeef ergaa dabarsuuf kan qindaa’e fakkaata. Ergaan isaa na mormitu taanaan daafoon isaa hamaa dha kan jedhu. Du’uun hoogganni garee Waagner Putiniin deggeruu mala, duula waraanaa Raashaan Ukireen keessatti geggeessitu garuu gargaaruu dhiisuu mala jedhameera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG