Xurree ittiin seenan

Breaking News

Naannoo Arbaa Minciitti Walitti Bu’iinsa Uumamee Booda Namoonni Hedduun Hidhamuu Jiraattonni fi Maatiin Dubbatan


Godiina Gaamoo naannoo Arbaa minciitti Walitti bu’iinsa poolisii fi mormitoota gidduutti uumameen namoonni 105 hidhamuu jiraattonni naannoo fi maatiin RSAf ibsanii jiru.

Ganda shaaraa jedhamtu aanaa naannoo Arbaa miinc jalaa baasuun, magaala Arbaa Miinc jala akka galtuu taasiifamuutu jeequumsa kana kaase jedhu jiraattonni. Walitti bu’iinsa kanaan namoonni lakkoobsaan baayyee ta’e ajjeefamuu fi madaa’uu ogeessii fayyaa hospitaala irraa akkasumas, jiraattoonni fi jiraattonni ganda shaara ibsanii jiran.

Namoota mormii kana irratti hirmaatan irratti sarbama mirga namoomaa raawwatamuu fi kanneen hidhaman tokko tokko wal’ansa fayyaa akka hin arganne dhorkamuu, akkasumas ganda sana keessatti sochiin ramaddi daangeeffamuun ibsamee jira.

Jiraattonni akka jedhanti namoonni 18 ajjeefamuu fi 20 madaa’uu dubbatu.

Angawoota godiina Gaamoo biraa deebii argachuuf yaaliin taasisee akka hin milkoofnee fi Hagayya 13 darbee kana kan bu’uurfamee bulchiinsii Itiyoophiyaa Kibbaa caasaa waan hin qabneef jecha deebii argachuun hin danda’amne jechuun Yonaataan Zabdiwoos gabaasee jira.

Garu waajirri komuunikeeshinii Godiinaa turban dabree. Humna nagaa kabajsisuu kan godiinaa waabeeffachuun gabaasa baaseen, sirna heeraan ijaaramee fi nageenya naannoo Sanaa dhabamsisuuf humna socho’uu to’annaa jala olchuuf jecha, tarkaanfii fudhatameen, lubbuun namaa lakkobsaan hanga tokko ta’e darbuu fi qabeenyaan barbadaa’uu ibsuun isaa ni yaadatama.

Gama kaaniin, paartiin Deemookraatawaa Gaamoo ibsa baaseen, humnootiin mootummaa humna wal hin ginneen tarkaanfii humnaa fudhatan jechuun bulchiinsa naannoo himatee jira jechuu yonaataan Zabdiwoos gabaasee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:19 0:00
More
XS
SM
MD
LG