Hogganaan waraana Sudaan Abdel Fattah al-Burhan Dilbata kaleessaa magaalaa handaara galaanaa “Poort Sudaan” jedhamtu kan seenan yoo ta’u, biyyattiin waraana ji’oota afuriif gam lameen biyyattii gidduutti geggeeffame irraa kan ka’e raafama keessa jirti.
Burhaan haleellaa Ebla 15 ka'ee ji’ootaaf turee sanaaf, waajjira muummee waraanaa kan magaalaa galma mootummaa sudaan, Kaartuum keessatti cufatanii kan turan yoo ta’u amma ifatti mul’atan.
Waraanni Sudaan haleellaa addaan hin cinne Waajjira Muummee irratti Humnoota Deeggarsa Saffisaa kan itti aanaa Burhaan duraanii finmorkataa ta’e Mohaammad Hamdan Daglo’n durfamu gaggeeffamaa ture,ofirraa ittisaa tureera.
Akka ibsa mana maree abbaa biyyummaa biyya bulchaa jiru irraa argameetti, Burhaan Dilbata kaleessaa gama itti aanaan isaanii Maalik Agar fi qondaaltota mootummaa biroo kanneen -- akkuma Dhaabbata Tokkummaa Mootummoota -- kan lola cimaa kutaalee biyyattii keessaa dheessuun hojii isaanii gara Poort Sudaan, jijjiiran waliin wal argan.
Tilmaamni lakkoobsa namoota walitti bu’iinsa kanaan dhumanii kan ilaaleen proojeektii hundeeffamee irraa odeeffannoon jiru akka agarsiisutti waldhabdee namoota gara 5,000 ta’an ajjeefamaniiru.
Lakkoofsi dhugaan garuu, baayyee ol'aanaa akka ta'ee kan yaadamu yoo ta'u, miidhamtoonni hedduun tajaajila fayyaa bira gahuu dadhabuun, magaalonni guutuummaa addunyaa irraa cituu fi gama lachuu du'a isaanii gabaasuu diduu isaaniitiiin ta’uun ibsamee jira.
Forum