Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaantiin Zimbaabuwee Emersen Minangaguwaa Marsaa Lammaffaa fi Isa Dhumaaf Deebi'anii Filataman 


Prezidaantii Zimbaabuwee Emersen Minangaguwaa Dilbata kaleessaa ibsa oggaa kennan, Zimbaabwee, Hagayya 27, 2023.
Prezidaantii Zimbaabuwee Emersen Minangaguwaa Dilbata kaleessaa ibsa oggaa kennan, Zimbaabwee, Hagayya 27, 2023.

Pirezidaantiin Zimbaabuwee Emmerson Mnangagwa bara dorgommii waggaa shanii isa marsaa lammaffaa fi isa dhumaa sambata galgala irra deebi’anii filatamaniiru.

Kunis ba’iin sagalee kennamee, yeroo eegame irra baay’ee dursee kan labsamuu isaan yoo ta’u, filannoo wal falmisiisaa fi hokkaraan guutamee sana hordofee kan argamee dha.

Dilbata kaleessaa Mnangagwaan, ummanni Zimbaabuwee adeemsa filannoo hundaa, karaa nagaa gaggeessuu isaaniif galateeffataniiru. Dubbi himaan paartii ZANU-PF Kiriis Mutsvangwaa paartiin kun sirna filannoo waliin ''waldhabdee hin qabu'' jechuun paartiin mormituu ilaalcha walfakkaatu akka qabaatu itti dabaluudhaan gaafataniiru.

Dilbata kaleessaa ganama, hogganaan paartii mormituu Nelson Chamisa filannoo biyyattin Mnangagwa injifachuun eega labsamee booda, “hanna ifa ta’ee fi shiira guddaatu gaggeeffame” jechuun himatan. Dubbi himaan ZANU-PF qeeqa idil-addunyaa, Gamtaa Awurooppaa fi Ameerikaa irraatti yaada kennaniin, dhimma Afrikaa keessatti hirmaannaan isaanii bulchiinsa kolooneeffannaa duraanii kan yaadachiisu dha jechuun ibsaniiru.

Preezidaantii Zimbaabweef filataman kun umriin isaanii 80 ta’uun ibsamee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG