Xurree ittiin seenan

Breaking News

Walitti-bu'insa Naannoo Amaaraa Keessatti Yoo Xiqqaate Namoonni 183 Ajjeesamuu Tokkummaan Mootummootaa Beeksise   


Samabbata dheengaddaa magaala goduna Gondor kibbaa Dabretaaboor keessatti walti bu’insa garee finciltootaa “Faannoo” jedhamee waamamuu fi umnoottan mootummaa gidduutti taasifameen yoo yarate namoonni Sadii du’anii 30 kan ta’anu immoo madaa’uu isaanii maddeewwan hospitaalaa VOA ti himanii jiru. Jiraattonni magaalichaa gamaa isaaniitin dilbataa dheengaddaa namoottan hedduu awwaaluu isaanii Sagalee Ameerikaatti himani jiru.

Walti bu’insii umnoottan mootummaa fi hidhattoota faannoo giduutti taasifamaa jiru amma tokko guyyootaaf qabbanaa’ee turus torban darbe keessa haalli deebi’ee boora’uu mulachuu isaa gabaasni Asteer Misgaanaawu eere jira.

Karaa biraatiin, ergaa walti bu’insii naannoo Amaaraa Ji’a Adoolessaa keessa jalqabamee as namoottan 183 ajjeefamuu isaanii dhaabbanni mootummota gamtoomanii beeksisee jira.

Dhaabbataa mootumoota gamtoomaniitti waajiraa dhimma mirga namoomatif dubbi himtuu kan ta’an Maartaa Hurtaadoo, dhaabbata maddaa oduu Faransaayitti akka himanitti ergaa labsiin yeroo atattamaa Hagyyaa 4 bara 2023 labsamee kaasee namoottan kuma tokkoo ol hidhamuu isaanii akka beekan ibsanii jiru.

Ibsii dhaabbata mootumoota gamtoomanii kun, akka ajjeechaan, hokkorrifi sarbiinsi mirgaa namaa dhaabbatu waamichaa dhiheessuun isaas beekameera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG