Miseensaa mana maree bakka bu’oota ummaataa biyyaalessaa ykn paarlamaa mootummaa biyyatti kan ta’an obbo kiristaan Taadelee dabalatee, namoottan labsii yeroo atattamaa mootumaan baaseen walqabatee too’annoo jala oolan gara mana hidhaa bulchiinsaa naanno Affaar keessatti argamu Awaash Arbaatti geessamuu kan ibee Komishiinii mirga namoo Itiyoophiyaati.
Komnishiinichatti daarekteera kutaa Seeraa fi imaammataa kan ta’n Taarikuwaa Geetacheewu akka VOA ti himanitti, miseensaa mana maree mootummaa naannoo Amaaraa kan ta’an obbo Yohaaniis Buwaayaalewu fi miseensaa mana maree bulchiinsa magaalaa Finfinnee kan ta’an dokteer kaasaa Teshaageer hidhamtoota gara Awaash Arbaatti dabarfaman keessaatti kan argamanuudha.
Torban lamman darbeef hidhamtoonni kun eessa akka jiran akka hin beeknee maatiiwwan isaanii Sagalee Amerikaatti akka himan Finfinnee irraa kan gabaase Kenedii Abaatee ti.
Forum