Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ministarri Dhimma Alaa Liibiyaa Biyyaa Baqatan 


Wixataa kaleessaa mormitoonni hedduun gommaa gubuudhaa fi karaa cufuudhaan magaala guddicha LiibiyaaTirippoolii keessatti ergaa mormii isaanii dhageesisaa olanii booda, dipilomaatiin ol anaan biyyaa isanii minisiteera dhimmaa alaa Libiyaa wajjin wal arguu isaanii ibsii mootummaa Isiraa’el irraa kenname muumichaa ministeeraa Libyaa daldhansiisee jira.

Muumeen minsiteraa Libiyaa Abdul Hamiid Dibee’ibaah erga ibsii Israa’eel kun bahee booda, ministeera dhimma alaa mootummaa isaanii Naajilaa Maangoo’ush hojii dhaabsisanii qorannoon akka isaani irratti taasifamu ajjaja dabarsanii jiru.

Waan ministerri dhimaa alla biyyaa isaanii irratti qorataman mummichii ministeeraa Libiyaa ifatti himuu baatanus akka seeraa Libiyaa baraa 1957 baheen walti dhufeenyaa Israa’eliif Libiyaa gidduu jiru fooyyesuu irratti hirmaachuun ya

kka. Ministeerri dhimmaa alaa Israa’el Elii Koheen fi kan Libiyaa Naajilaa Maangoo’ush torban darbee magaala Room keessatti walarganii waa’ee gargaarsa namoomaa, waa’ee qotiinsaa fi bulchiinsa bishaanii irratti maryachuu isaanii ministirri dhimmaa alaa Israa’el ibsusii muummichi ministeeraa Liibiyaa garuu waa’ee marichaa akka quba hin qabneedha kan himan.

Ibsaa mootummaa Israa’eel kana hordofuudhaan ministeerri dhimmaa alaa Liibiyaa Naajilaa Maango’ush garaa biyyaa Tarkiitti baqachuu isaanii Ministirri dhimma alaa Liibiyaa beeksisuu isaa maddii oduu Assooshiyeetid prees/ AP ibsee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG