Xurree ittiin seenan

Breaking News

Angawoonni Waraanaa Gaaboon Mootummaa Biyyattii Fonqolchuu Labsan 


FAAYILII - Preezdaantii Gaaboon Alii BoongooFulbaana 27, 2016.
FAAYILII - Preezdaantii Gaaboon Alii BoongooFulbaana 27, 2016.

Angawoonni waraanaa Gaaboon, ba’in filannoo biyyoolessaa fudhatama dhabsiisuu dhaan mootummaa prezidaanti Alii Boongoo aangoo irraa fonqolchuu isaanii beeksisan.

Gareen qondaaltota waraanaa biyya Giddugaleessa Afrikaa Gaaboon mootummaa preezdaant Alii Boongoo fonqolchuu himanii jiran.

Anawoonni waraanaa kun fonqolcha mootummaa kana Roobii har’aa ganama barii televijiinii biyyoolessaa Gaaboon irratti dhiyaachuun kan beeksisan yoo ta’u, komishiniin filannoo biyyattii filannoo waliigalaa torban darbe gaggeeffameen prezidaant Boongoon marsaa sadaffaaf injifachuu isaanii erga beeksisee sa’aatii muraasa booda.

Gareen kun ba'iin filannoo seera qabeessa akka hin ta’in, dhaabbileen mootummaa hundi diigamuu fi daangaawwan hundi hanga beeksisni biraa kennamutti cufamuu ibseera. Nagaa buusuuf jecha sirna amma jriu xumuraan geenyeerra jechuu dhaan angawoota waraanaa keessaa tokko dubbataniiru.

Boongoon jalqaba bara 2009 aangoo kan qabatan kan bara 1967 keessa aangoo prezidaantummaa-tti dhufan abbaan isaanii erga du'anii booda.

Erga angawoonni kun televiizinii irratti dhiyaatanii booda dhukaasni qawwee guutuu magaalaa guddoo Gaaboon, Libriviil keessatti dhaga’ameera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG