Xurree ittiin seenan

Breaking News

Paartiin Mormituu Ijoon Kan Zimaabwee Filannoo Haaraan Akka Geggeessamu Gaafate 


Itti aanaa dubbi himaa Garee mormituu Zimbaabwee Gift Siziibaa, Haraaree, Hagayya 30, 2023.
Itti aanaa dubbi himaa Garee mormituu Zimbaabwee Gift Siziibaa, Haraaree, Hagayya 30, 2023.

Gareen mormituu ijoon kan Zimbaabwee biyyoota hollaan kan hoogganamu filannoo haaraan akka geggeessamu Kibxata kaleessaa gaafatee jira.

Gamtaan jijjiirama lammiiwwanii kan CCC jedhamu waamichi inni dabarse kun, filannoo torban darbe geggeessame kan fudhatama dhabsiiseef, prezidaant Emersen Manangaagwaa irra deebsuun filatamuu kan taajjabdoonni sdarkaa addnyaa qeeqan paartiin ZANU-PF waggoota dheeraaf aangootti cichuu isaa kan mormu ture.

Itti aanaa dubbhi himaan gamtichaa Gift Siziibaa tuuta oduuf Haraaree keessatti ibsa kennaniin, filannoo falmisiisaa deddeebisee dhufu keessaa ba’uuf filannoo haaraa fi sirrii ta’e geggeessuun alatti filmaati ka biroon hin jiru jedhan. Obboloonni keenya Afrikaa adeemsa gara seera qabeessummaatti akka deebinu nu geessuuf haala mijeessuuf, gidduu seenuun akka gargaaran waamicha gochaa jirra jedhan.

Paartiin isaaniis filannoo kana guutummaatti fudhatama dhabsiisuu isaa dubbataniiru.

Sizibaan paartiin isaanii gaaffii isaa Hawaasa Misooma Afrikaa Kibbaa) fi Gamtaa Afrikaa, qaamolee naannoo taajjabdoota gara Zimbaabuweetti ergeetti himuu fi dhiisuu isaanii dubbachuu irraa of qusataniiru.

Pireezidaantiin biyya ollaa Afrikaa Kibbaa Siiriil Raamaafoosaa fi hogganaan Naamibiyaa Hage Geingob duruu mootummaa Mnangagwaa filannoo kanaa injifachuu isaaf baga gammaddan ittiin jedhan.

Uummanni biyya uummata miliyoona 15 qabdu keessaa, Ba’ii filannoo sanaa ija shakkiin ilaaluun dirqama ta’us, maanguddoon waggaa 80 Manaangaagwaan himannaa mormitoonni sagaleen hatame jechuun dhiyeessan fudhatama dhabsiisaniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG