Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ministrerri Daldalaa Yunaayitid Isteetis Chaayinaa Daawwatan 


Ministrittiin daldalaa Yunaayitid Isteetis Jiinaa Raaymoondoo fi hoogganaa Shaangaay, Chaayinaa, Hagayya 30, 2023.
Ministrittiin daldalaa Yunaayitid Isteetis Jiinaa Raaymoondoo fi hoogganaa Shaangaay, Chaayinaa, Hagayya 30, 2023.

Ministrittiin daldalaa Yunaayitid Isteetyis, Hariiroo daldalaa Chaayinaa fi biyya isaanii gidduu jiru cimsuu irratti daawwannaa fuuleffate geggeessanii jiran. Biyyoota addunyaa irraa dinagdeen isaanii cimaa ta’e lamaan gidduu hariiroon daldalaa jiru cimuu qaba jedhan.

Jiinaa Raaymoondoo, imala guyyoota afuriif gara Chaayinaa taasisan kan xumuran yoo ta’u, kunis qaama tattaaffii bulchiinsi Baayiden hariiroo daldalaa biyyoota addunyaa irraa dinagdeen isaanii guddaa ta’e lamaan gidduu jiru tasgabbeessuuf taasisaa jiruu dha.

Raayimoondoon haasaa dhageessisaniin, marii kallattiin angawoota Chaayinaa waliin taasifamaa jiru irratti abdii guddaa qabaachuu ibsaniiru garuu, dhimmi Beejing waliin jiru martinuu halkan tokkotti furmaata argata jedhanii akka hin abdanne ifaa dha jedhan. Daawwannaa isaanii kana duraatiin, kampanileen Ameerikaa dorgommii Chaayinaa kan madaala isaa hin eegnee fi akkaataa to’annoo wal dha’aa ta’ee ibsuu dhaan, biyyattii keessatti hojii invastimentii hojjechuun rakkoo akka ta’e tuqaniiru.

Raymoondoon, gareen lamaan falmii icitii daldalaa eeguu akkasumas to’annaa meeshaalee alatti ergamu irratti odeeffannoo wal jijjiiruu ilaalchisee ogeeyyii waliin marii geggeessuuf karoorsuu isaanii beeksisan.

Reeymondoon bilbilaan ibsa gaazixeessotaaf kennaniin, marii dhumaaf ta’e jennee gara guyyoota kana duraatti deebina miti, garuu quunnamtii addaan kutuu fi tajaajila jiran dhaabuun nageenya dinagdees ta’e galma biyyoolessaa keenyaa keessa hin jiru jedhan.

Yunaayitid Isteetisii fi Chaayinaan waggaatti jijjiirraa daldalaa doolaara biliyoona $700 olii geggeessanis, waggoota dhiyoo as muddamni gidduu isaanii dabalaa waan adeemeef kampanileen Ameerikaa Chaayinaa keessaa hojjechuun daran rakkisaa ta’ee jira. Biyyoonni lamaan baatilee dhiyoo ugguraawwan adda addaa kaa’uun isaanii ni yaadatama

Forum

XS
SM
MD
LG