Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaantin Naayijeeriyaa Yeroon Cehumsaa Biyya Ollaa Isaanii Niijeeriif Akka Barbaachisu Yaada Dhiheessan


Pirezidaantiin Naayijeeriyaa Bola Tinubu (suuraa faayilii)
Pirezidaantiin Naayijeeriyaa Bola Tinubu (suuraa faayilii)

Pirezidaantiin Naayijeeriyaa Bola Tinubu Kamisa kaleessaa, yaada ce’umsa gara dimokiraasiitti deebi’uu biyya ollaa Niijar keessatti akka barbaachiisu dubbatan.Kunis ji’oota sagal biyyi isaanii dhuma bara 1990moota keessa turte waliin wal fakkaatuuf yaada kana dhiyeessan.

Hawaasni Diinagdee Biyyoota Afrikaa Dhihaa ykn ECOWAS, erga loltoonni Adooleessa 26 fonqolcha mootummaa pirezidaantii Mohaammad Baazoum aangoorraa ari’anii booda, mariin gaggeeffamuu bulchiinsa siiviilii deebisuu yoo dadhabe, waraanaan gidduu seenuun akka furmaata dhumaa akka ta’ee doorsiseebooda, Nijeer irratti qoqqobbii kaa’eera.

Ekoowaas Ibsa Kamisa kaleessaa kenneen, Baazoum battalumatti aangootti akka deebi’u akka barbaadu cimsee ibseera. Kana malees, "Aanga'oonni waraanaa kan Nijeer, Pirezidaantii Mohaammad Baazoum bilisa baasuu fi hojiitti deebisuun hatattamaan sirna heera mootummaa deebisuu qabu," jedheera.

Hoggantoonni waraanaa Niijar haaraan , ajaja heera mootummaa iddootti deebisuuf yeroon ce’umsaa kan waggaa sadii turu barbaanna jedhan. Poolisiin jila Faransaay Niijeer keessaa akka ari’u ajajaniiru.

Kamisa kaleessaa galgal,a ministeerri haajaa biyya keessaa kan Niijar, dhaabbileen Tokkummaa Mootummootaa, dhaabbilee kan mootummaa hin ta’iin ykn NGO akkasumas fi dhaabbileen sadarkaa aaddunyaa "goodiina hojii" kan waraanaa keessatti akka hin hojjenne dhorkuu isaa beeksiseera.

Naannolee kamtu akka miidhame kan hin ibsiine yoo ta’u, garuu tarkaanfiiwwan fudhataman ''haala nageenyaa amma jiruun'' akka ta'e ibseera.

"Hojii fi ykn sochiin zoonii hojii keessatti taasifamu hundi yeroodhaaf addaan citeera," jedhee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG