Xurree ittiin seenan

Breaking News

Fonqolchi Mootummaa Gaaboon Waan Sirriitti Qindaa'ee Fi Komii Uummataa Dahoo Godhate, Jedhu Xiinxaltoonni  


Fonqolchi Mootummaa Gaaboon Waan Sirriitti Qindaa'ee Fi Komii Uummataa Dahoo Godhate, Jedhu Xiinxaltoonni  
Fonqolchi Mootummaa Gaaboon Waan Sirriitti Qindaa'ee Fi Komii Uummataa Dahoo Godhate, Jedhu Xiinxaltoonni  

Pirezidaantii Gaaboon loltoota fincilaniin aangoo irraa kaafamuun waan haala gaariin qindaa’ee fi komii ummanni mootummaa irratti qabu sababaa kan godhatee fakkaata jechuun Xiinxaltoonni dubbatanii jiru. Robii dabre, loltoonni pirezidaantii Alii Boongoo Ondimbaa, kan maatiin isaanii waggoota kurna shanii oliif biyya boba’aan badhaate kan bulchaa turan, aangoo irraa buusan.

Hoggantoonni fonqolcha mootummaa kun Bongo bulchiinsa itti gaafatamummaa hin qabne kan biyyattii jeequmsa keessa galchuuf balaa ta’e jechuun himachuun, hidhaa manaa keessatti akka isaan galchan himan.

Bongo filannoo pirezidaantii dhuma torbee gaggeeffame irratt, injifachuun erga labsamee sa’aatii muraasa booda, hogganaan waardiyyaa rippabilikaanota Gaaboon, Jeneraal Brice Nguema, hogganaa haaraa biyyattii ta’uun isaanii Teleeviziyoona biyyatti irratti ifa taasiisan.

Taajjabdonni akka jedhanti. Filannoon gaggeffame gocha seeraan alaa kan of keessaa qabu ifa gala hin turre. Gama biraatiin, Manni Maree Nagaa fi Nageenyaa kan Gamtaa Afrikaa Kamisa kaleessaa walga’uun, Gaaboon hanga biyyitti sirna heera mootummaa deebiftutti “sochii Gamtaa Afrikaa qaamolee isaa fi dhaabbileejaarmayichaa hunda” irraa hatattamaan akka addaan citu beeksiseera.

Televiziyonni mootummaa akka labseetti, hogganaan waraanaa haaraa aangoo qabatan Fulbaana 4 jechuun Wiixata dhufu, mana murtii heeraa duratti, kakatanii aangoo qabachuuf jiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG