Xurree ittiin seenan

Breaking News

Balaan Ibiddaa Johaanesburgitti Gamoo Gube Daa'imman 12 Dabalatee Namoota 74 Ajjeesuu Aangawoonni Afrikaa Kibbaa Beeksisan 


Gamoo abbaa darbii shanii abidaan gubate, Afrikaa Kibbaa
Gamoo abbaa darbii shanii abidaan gubate, Afrikaa Kibbaa

Magaalaa Johaannesbarg waaltaa keessatti, ibiddi gamoo abbaa darbii shanii mana jireenyaa seeraan alaaf oluutti qabatee, daa’imman 12 dabalatee namoota 74 ajjeesuu aanga’oonni Afrikaa Kibbaa Kamisa kaleessaa beeksisaniiru.

Waggoota darban keessa addunyaa irratti balaa ibiddaa lubbuu namaa galaafate keessaa tokko ta’e kanaan, namoonni biro 61 madaa’anii yaala hospitaalaa argataniiru. Ulaan ykn bakki eeguumsa nageenyaa cufame ture biratti reeffii namaa tuulamee kan argamee yoo ta’u, kunis namoonni ibidda jalaa akka hin miliqne taasiseera jedhan qondaalli tokko.

Waaltaa qorannoo reeffaa Johaannesbarg bulchiinsa Gauteng keessatti itti gaafatamaa kan Thembalethu Mpahlaza akka jedhanitti, walumaa galatti reeffi namoota 74 kan argame yoo ta'u, 24 dubartoota, 40 dhiira, 10 ammoo ''beekuun rakkisaa ta’uutti akka malee gubataniiru''. Ijoollee 12 balaa kanaaan miidhamuu tuuta oduuf ibsanii jiru.

Angawoonni magaalattii akka jedhanitti, gamoo bulchiinsa magaalaatiin qabamee fi tarreeffame kan naannoo dinagdeen gadi aanaa fi yakkaan guutame keessatti argamu erga fayyadamuun dhaabatee booda, gara mana jireenyaa seeraan alaatti jijjiiramee ture.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG