Xurree ittiin seenan

Breaking News

Misaa'elli Raashiyaa Giddugala Yukireen Keessatti Dhaabbata Daldala Dhuunfaa Tokko Rukkute, Jedhu Aangawoonni Yukireen  


Bakka Drooniin Yukireen Raashiyaadhan rukkutamuun gabaafametti qorattoonni hojii qorannoo oggaa geggeessan, Raashiyaa, Hagayyaa 18, 2023.
Bakka Drooniin Yukireen Raashiyaadhan rukkutamuun gabaafametti qorattoonni hojii qorannoo oggaa geggeessan, Raashiyaa, Hagayyaa 18, 2023.

Misaa’elli Raashiyaa naannoo Giddugaleessa Yukireen Viinistiiyaa keessatti, daldala dhuunfaa tokko rukutee namoota sadii madaa’uu aanga’oonni Yukireen Jimaata har’a ibsaniiru.

Bulchaa kan ta’an Serhii Borzov barreeffama Telegram irratti barreesseen, "Wanti nama dhibu, miidhamtoonni jiru - lammiileen nagaa ykn siviiloota sadii, gargaarsi barbaachisaan hunda isaaniif kennamaa jira jedhan." Qabeenyi fi konkolaattoota irrattis, miidhaan ga’u itti dabalanii ibsanii jiru.

Gama biraatiin ammo, dirooniin Yukireen Jimaata har’a ganama magaalaa Raashiyaa dhiyaa kan jiru warshaalee anniisaa niwukilaraa gurguddoo biyyattii keessaa tokko rukutteee jirti. Qondaaltonni Raashiyaa akka jedhanitti, warshaa Kurchatov keessatti argamu irratti miidhaan qaqqabe hin jiru, garuu yoo xiqqaate gamoon tokko miidhameera.

Warshaan niwukilaraa Kursk warshaa niwukilaraa Chernobyl,waliin waan wal fakkaatu kan qabu yoo ta’u, chernoobeel bakka balaan niwukilaraa guddaan addunyaa irratti bara 1986tti mudate fi guutuummaa Awurooppaa keessatti, qaanqee nukleeraa facaasee ta’uun beekama.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG