Maatiin hidhamtoota Labsii Yeroo hatattamaa kaneen giddugala tursiisaa yeroo Awaash Arbaatti hidhaman firoottan isaanii eessatti akka hidhaman kan barree torban muraasa booda jechuun RSA tti himanii jiru.
Akkasumas firoottan isaanii kun Awaash Arbaatti, haala hamaadhaaf saaxilamuu malu sodaa jedhu qaban ibsaniiru. Komishiniin Mirga Namoomaa kan Itiyoophiyaa Sambata darbe akka beeksisetti, seera tumtoota mormitootaa keessaa kan ta’an Obbo Kiristaan Taadalee fi kanneen biroo dabalatee hidhamtoota labsii yeroo hatattamaa, giddugala tursiisaa yeroof Awaash Arbaa keessatti argaman , daawwachuu isaa beeksisee jira.
Hidhamtoonni Komishiniin Mirga Namoomaa kan Itiyoophiyaatti akka himanitti, nageenya isaaniif akka sodaatan, sababaan isaas Awaash Arbaan mooraa waraanaa waan ta'eeii jechuu isaanii Keeneedii Abaate Finfinnee irraa gabaasee jira.
Forum