Xurree ittiin seenan

Breaking News

Afrikaan Yeroo Duraaf Walgahii Waa’ee Jijjiirama Qilleensaa Naayiroobiitti  Gaggeessaa Jirti 


Hirmaattonni walgahii Jijjiirrama Qilleensaa yeroo buufata xiyyaaraa gahan, Naayiroobii, 2023
Hirmaattonni walgahii Jijjiirrama Qilleensaa yeroo buufata xiyyaaraa gahan, Naayiroobii, 2023

Ardiin Afrikaa walgahii waa’ee haala qilleensaa irratti dubbatu kan jalqabaa, Wiixata har’a Naayroobii keessatti jalqabdee jirti.

Pireezidaantiin Keeniyaa Wiliyaam Ruutoo jalqaba walgahii kana irratti akka jedhanti, bakka bu’oonni kumaatamaan lakkaa’aman kanneen Naayiroobii keessa jiran, rakkoo jijjiirama qilleensaa kana, ardiitti keessatti invastimantii doolaara biliyoonaan lakkaa’amu hawwachuuf carraa addaa akka ta’etti akka ilaalan dhaamaniiru.

Qindeessitootni walgahii kanaa, walgahii guyyoota sadiif gaggeeffamu kana irratti waliigalteewwan doolaara miliyoona dhibbaan lakkaa’aman akka labsaman tilmaamuna jechuun dubbatu.

Yeroo kanas, Afrikaan miidhamtuu balaa lolaa bishanii, caamaa fi hongee osoo hin taane, bakka invastimantii haala qilleensaa irratti gaggeeffamu akka taatee agarsiisuuf kaayyoo qabu.

Hoggantoonni Afrikaa meeshaalee haala gabaa irratti hundaa’an, kan akka qilleensa faalamaa dhabasisuuf liqiin kennamuuf dhiibaa jiru, maallaqa arjoomtoota addunyaa dureeyyii irraa argamuus suuta tirataa jira jedhu.

Kanneen Frikaa keessatti duula gaggeessan hedduun garuu, tooftaa walga’iin kun maallaqa haala qilleensaa ilaalchisee qabu mormuun, aantummaa biyyoota dhihaf qaban, baasii ardii kanaatiin tarkaanfachiisaa jiru jedhu.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG