Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hoogganaan Fonqolcha Mootummaa Gaaboon Akka Prezidaant Mootummaa Ce’umsaatti Kakatanii Taayitaa Qabatan  


Jeneeraal Braayis Ice Oliguii angoo qabatan, Libreviil, Gaaboon, Fulbaana 4, 2023.
Jeneeraal Braayis Ice Oliguii angoo qabatan, Libreviil, Gaaboon, Fulbaana 4, 2023.

Fonqolcha mootummaa torban dabree Gaaboon keessatti raawwateen, Jeneraalli gara aangootti dhufan wiixata har’a kakatanii ''pireezidaantii yeroo ce'umsaa'' ta'anii jiru.

Jeneeraal Braayis ice Oliguii Ngeemaa mootummaa Boongoo biyyattii waggoota 55f bulchaa ture erga kuffisee booda, aangoo qabatan.

Ngeemaan kakatanii aangoo eega qabatanii booda, gama Teleeviziyoonaan haasawaa dhageesisanii jira.

Fonqolchi mootummaa kun namoota aangoo irraa buqqifamuu maatii Boongoo kabajuuf Gaaboon keessatti daandii irratti bahan irraa deeggarsa waan qabu fakkaata.

Hoggantoonni biyyoota dhihaa dhimmi kana haala adda ta’een kan ilaalan yoo ta’u, hogganaan imaammata alaa Gamtaa Awurooppaa kan ta’an Joozeep Booreel garuu, “Uumamaan, fonqolcha waraanaa furmaata hin ta’u, garuu Gaaboon keessatti filannoon sirna dhablummaan guutame akka ture dagachuu hin qabnu jedhan.”

Mormitoonni filannoo kanaaf dhaaltuu mirgaa ta’uu waan amananiif hawaasni addunyaa tattaaffii sana keessatti deeggarsa akka godhu gaafataniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG