Xurree ittiin seenan

Breaking News

Amnestii Internaashinaal: Loltoonni Ertiraa Waliigaltee Priitooriyaatii Booda Tigraay Keessatti Yakka Waraanaa Raaw'atan 


FAAYILII - Namoota qehee irraa buqahanii buufata dahoo jiran, naannoo Tigraay, Caamsaa 10, 2021.
FAAYILII - Namoota qehee irraa buqahanii buufata dahoo jiran, naannoo Tigraay, Caamsaa 10, 2021.

Walwaraansi Tigraay keessatti taasifamaa ture ergaa waligaltee nageenyaatin xumuramee boodaa, loltoonni mootummaa Eertiraa Tigraay keessatti yakkaa waraanaa raawwataniiru jechuudhaan dhaabbanni mirga namoomaatiif falmu Aminestii Internaashinaal ibsee jira.

Amnestii internashinaal jiraattotaa waabeffachuudhaan akka gabaasetti waligaltee nageenyaa bara 2022 keessatti loltoonni bakka birooti Tigraayiin seennan akka bahuu qaban ibsamuus, ammayyuu gandoottan Tigraay daangaa Eertiraatti dhihaatanii jiran keessaa loltoonni mootummaa Eertiraa ittu hin bahin jiru.

Ji’a Caamsaa fi Waxabajjii keessaa jiraattotaa gandaa Maariyaam Shewiitoo fi Kokebe Tsibaah 49 ta’an akka haasofsiise kan ibsee dhaabbatichii, suur sagalee saatelaayitii fi odeeffannoo bulchiinsaa naannoo Sanaa , hojjatoota dhimmaa hawaasaa fi hogeessotaa fayyaa irraa akka ragaa argate ibsee jira.

Bahaa fi kibbaa Afrikaatti daarekteeraa Aminestii Internaashinaal kan ta’an Taayigeree Chaaguutaah akka jedhanitti, loltoonni Eertiraa kun dubartootaa irratti gudeeddii dirqii raawwachuun allatti dubartootaa heduu qabuudhaan wojii umnaa hojjachiisaa jiru. Dhiirootaa immoo yakka tokko malee ajjeesaa jiru.

Dubartiin haadha ijoolee Sadii tokko dubartootaa biroo 14 wajjin erga mooraa waraana Eertiraa keessatti dirqiidhaan qabamtee turtee boodaa ji’oottan sadiif gudeeddin akka irratti raawwaate ibsuu ishee gabaasinii Aminestii kun eere jira.

Dubartiin wagga 37 tokkoos mana ishee keessatti loltootaa Eertiraatiin ji’oottan sadiif gudeedamaa akka turtee ibsuu ishee kan hime gabaasinii Aminetii kun sarbiinsii mirga namoomaa raawwateera jedhe kun akka gocha yakkaa waraanaa fi yakkaa fara namoomaatti fudhatamuu danda’u ibsee jira.

Gabaasa kanaaf Mootummaa Eertiraa irraa deebiin kennamee yeroodhaaf hin jiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG