Tigraay keessaatii hoggantoonni Paarti mormitootaa jaha hiriiraa mormiitiif yemmuu ummataa kakaasaa jiran qabamanii hidhamuun isaanii beekameera.
Hoggantoonni paartiilee mormitootaa Tigraay keessa sochoo’aa jiranu kan Saalsawii Weyanee, Wudib Natsineti Tigraayi fi Baayitoonaa jedhamanuu qibxata har’aa magaalaa Maqalee keessatti qabamanii kan hidhaman hiriiraa mormii Qaammee 2 bara 2015 ALI ti taasisuudhaaf qopheesaniif yemuu hojii dadamaqsa ummataa hojachaa jiranuudha.
Hoggantonni Paartiilee kanaa konkola’attotaa itti fayyadamanii ergaa ittin lallabaa turann Sadii wajjiin qabamanii buufatalee poolisii Sadii keessatti hidhamuu isaanii hoggansaa Paartii Baayitoonaa keessaa tokko kan ta’n Obbo kibroom Berehee ibsuu isaanii gaabaasinni Mulugeetaa Atsibahaa Maqalee irraa sagalee Amerikaatif erge ibsee jiraa.
Bulchiinsii magaalaa Maqalee gaaffii hiriiraa dhabbileen siyaasaa kun dhiheesaniif deebii barrefamaan kenneen, umnaa naga eegdota gahaa ta’ee waan hin qabnee fi yeroon isaas waan yeroo ayyaana wagga ta’eef hiriirichaaf akka eeyyama keennuu hin dandeenyee ibsuu isaa gabaasiin kun dabalee beeksisee jira.
Forum