Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gareen Hojii Murtii-Haqaa Cehumsaa Itiyoophiyaa Ibsa Kenne 


Itiyoophiyaa keessatti gareen adeemsa dhimmaa haqa ce’uumsaa irratti hojachaa jiru qaamoolee dhimichaa keessaa qooda qabaniffi kutaalee biyyatti 12 keessa jiran irraa yaada walti qabachuu isaa ibsee jira.

Ibsaa guyaa har’aa Fulbbaana 5 bara 2023 Finfinnee keessatti gaazeexessotaaf kennamee irratti kan dubbatan qindeesaan garee haqa cee’uumsaa dokteer Taadesee kaasaa torban dhiheenyaa kana dhufan keessaa akka adeemsa hojii isaanii xumuranu ibsanii, hojii haqa ce’uumsaa halaawwan biyyaa irratti hundaa’ee mirkaneesuf hojjachaa turuu isaanii ibsanii jiru.

Sochiin haqa ce’umsaa kun waligaltee nageenyaa mootummaa Itiyoophiyaa fi ABUT giddutti malatteeffame keeyyata 10 irratti kan hundaa’ee ta’uu isaa kan ibsee gareen kun, Itiyoophiyaan imaamataa haqa ce’uumsaa, itti gaafatamumaa, dhugaa jiru mirkaneeffachuu, midhamtootaaf furmaata laachuu, araaraa fi fayyinaa madaa irraatti hundaa’ee akkaataa heera biyyatifi akkaataa imaammata haqa ce’uumsaa gamtaa Afrikaa isaa Piritoriyaatti walii galame keeyyaata 10 lakkoofsa Sadiin akka hojii irra oolchuu qabdu ibsamuu isaa kan gabaasee Kenedii Abaateeti.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG