Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gumii Dhimma Jijjiirama Qilleensaa Naayiroobiitti Geggeessame Biratti Hiriirri Geggeessame


Mormitoonni jijjiirama qilleensaa irratti tarkaanfii fudhachuu gaafachuuf daandii magaalaa guddoo Naayiroobii irratti walitti qabaman,Keeniyaa Fulbaana 4, 2023.
Mormitoonni jijjiirama qilleensaa irratti tarkaanfii fudhachuu gaafachuuf daandii magaalaa guddoo Naayiroobii irratti walitti qabaman,Keeniyaa Fulbaana 4, 2023.

Namoottan dhibbaan lakkawamanuufi waa’e jijjirama qileensaatiif quuqaman mormii dhageesisanfi akka tarkaanfiin fudhatamu gaafatan magaalaa Naayiroobii keessatti hiriiraa bahanii jiru.

Hiriirri kun kan taasifamee yaa’iin ardii Afrikaa yeroo jalqabatiif dhimmaa haalaa jijjirama qileensaa irratti maryatuu yemmuu Nayiroobii keessatti taasifamaa jiruudha.

Namoottan hiriira kan irratti hirmaatan keessa tokko kan taatte falmituun dhimmaa haala qileensaa lammiin Ugaandaa Veenesaa Naakaatee, hoggantoonni biyyoottan addunyaa akka Taaksii ykn qaraxa hirdhisanii haniisa haaromsamuu fi umnaa aduu irraa argamuu ykn soolaaraa irratti deggersa taasisan gaafachuudhaan sagalee ishee akka dhageesisaa turte gabaasameera..

Ardiin Afrikaa sochii faalaama qileensaa keessaa gumaachii inni qabuu yemmuu biyyoottan industiriidhaan gudatanii wajjin walbira qabamee ilaalamu yaraa ta’us, balaan jijjirama qileensaa irraa dhufu garuu, lammilee Afrikaa Biiliyoonii 1.3 miidhaa akka jiru beekamee jira.

Prezidaantin keeniyaa Wiliyaam Ruttoo fi gamtaan Afrikaa wixata kaleessaa jalqaba walagahii ministiroota biyyoottan Afrikaa irratti, rakkoon jijjirama qileensaa diinagdee keessatti carraa doolaara Biiliyoonatti lakkawamuu argamsiisuu akka danda’u ibsanii jiru.

Yunaayitid Isteets, bara 2020 deggersaa haalaa qileensaa fi jechaa doolaaraa Biiliyooni 83 kan baastee yemmuu ta’uu, caalaan maallaqa kanaa gargaarsa biyyootan iyyeeyyiif akka kennamee ibsameera.

Keeniyaan umna Elektirika ishee dhibeentaa 93 haniisaa haaromsamaa irraa argachaa biyyaa jirtuudhaa. Hatta’uu malee, biyyoottan Afrikaa gara garaa keessaa namoottan jiraatan miiliyoonii 600 ta’an waan tajaajila elektiriika hin arganeef jireenyaa isaaniitiif jechaa mukattii akka fayyadamaa jiran akkasumas, halii odeeffannoo tilmaamaa fi hordofii jijjirama qileensaa yeroodhaan argachuu waan hin mijoofneef badiinsaa lubbuu kumaan lakkawamuu fi miidhaa doolaara Biiliyoonaatii lakkawamu qaqqabsiisaa jiraachuun isaa gabaasameera.

Biyyii Yuunaayitid Arab Imereets walgahii Naayiroobii keessatti taasifamaa jiru kan irraatti inveestimentii haniisaa qulqulluu jajjabeesuudhaaf kan olu gumaachaa doolaara Biiliyoonii Afurii fi walakkaa taasisuun ishee ibsameera.

Haaluma walqabateen, barreesaan muummee dhaabbata mootumoota gamtoomanii Antooniyoo Guterees walgahii biyyoottan dureeyyii warra “G- 20” jedhamanii beekamanuu yeroo ammaa biyyaa Hindii keessatti taasifamaa jiru irratti ergaa dabarsaniin, biyyoottan dinagdeedhaan guddatan ho’inaa qileensa adduunyaa dabalaa deemaa jiruuf akka itti gaafatamumaa isaanii fudhatan gaafachuun isaanii beekameera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG