Mannii murtii Yunaayitid Isteets inni dhimmaa jeequmsaa Amjii 6 bara 2021 teessoo mootummaa biyyatti irratti raawwatee ilaalaa jiruu hogantootaa garee “Piraawud Booyis” jedhanii of waaman irratti murtoo adabbi dabarsuu itti fufee jira.
Gareen Piraawud Booyis jeedhee of waamu jeequmsa fi haleellaa Amajii 6 bara 2021 teessoo mootummaa Yunaayitid Istets irratti raawatamee adda dureendhaan kan hogganee yemmuu ta’uu, hoggantoonni dhaabatichaa ergaa qabanii hidhamanii booda dhimmi isaanii mana murtiitti ilaalamaa turee tibbana kana murtiin adabbii iraatti darbaa jira.
Isaann keessaa tokko kan ta’e Itaan Niirdiin hidhaan wagga 18 torban darbee kan irratti murtaa’e yemuu ta’uu , hogganna jeequmsichaa inni biraa Stiwaart Rihoodees immoo ji’a caamsaa derbee keessaa hidhaan wagga 18 irraati murtaa’era.
Duraa taa’aa garichaa kan ta’eefi kutaa Mayaamii keessa kan jiraatu Eniriikee Taari’oo yakkaa bu’ii filannoo bara 2020 taasifamee umnaan geedarsiisuutiin himatamee qibxataa har’aa magalla waashingtoon Diisii keessatti murtoon addabii irraati mutraa’uuf jira. Ministirii haqaa muutummaa Yunaayitid Isteets nama kana irraatti adabbiin hidhaa wagga 39 akka murtaa’u gaafatee jira.
Prezidaantiin Yunaayitid Isteets duraanii Doonaald Tiraamp waa’ee jeequmsaa Amajii 6 kannan walqabatee himannaan yakka irraatti dhihaatee dhimmii isaanii manna murtiiii ilaalamaa akka jiru ni beekama.
Forum