Xurree ittiin seenan

Breaking News

Godina Silxee Keessatti Walitti Bu’iinsa Uumameen Lubbuun Namaa Darbuun Himame 


Godina Silxee Keessatti Walitti Bu’iinsa Uumameen Lubbuun Namaa Darbuun Himame
Godina Silxee Keessatti Walitti Bu’iinsa Uumameen Lubbuun Namaa Darbuun Himame

Itiyoophiyaa giddu galeessaa godina Silxee magaalaa Qibet keessatti poolisii fi dargaggoota musliimotaa gidduutti walitti bu’iinsa uumameen yoo xiqqaate namni tokko yoo du’u, kanneen biroon sagal immoo madaa’uu isaanii qajeelchi dhimmootii kominikeeshinii mootummaa godina Silxee, bulchiinsa magaalaa aanaa Silxee Qibetiin maqaa dha’uu dhaan ibsa baasee jira. Namoonni miidhaan irra ga’e Hospitaalota keessatti wal’aansi taasisamaafii akka jirus ibsameera.

Walitti bu’iinsi magaalattii keessatti hojii tolchaa hojjettamee jedhamee fi hordoftaootoonni amantii Islaamaa hedduun kanumaan wal qabatee dhukkubsachuu isaanii fi hojii tolfataa kana magaalattii keessaa ari’uuf jechuu dhaan dargaggoonni quraana Mintarbor qara’uuf daandiitti ba’an humnootii nagaa eegsisan waliin walitti bu’uu isaanii jiraattonni dubbataniiru.

Jeequmsi sun, hordoftoota amantii musliimaa fi Ortodoksii gidduutti walitti bu’iinsa uumameen ta’uu kanneen ijaan argan dubbataniiru. Bulchiinsi magaalaa Kibeti kanneen hookkara kanaan miidhamaniif gadda itti dhaga’ame ibsee, hordoftoonni amantii lamaanii tokkummaa akka qabaatan gaafatee jira.

Hordoftoonni amantii Ortodoksii kuma tokkoo ol ta’an bakka amansiisaa barbaaduuf jecha naannoo sanaa dheessanii gara magaalaa godina hollaa Guraagee Buttaajiraatti baqatanii waldaa Ortodoksii Qiddist Maariyaam jedhamu keessa dahachuu isaanii jiraattonni bilbilaan VOAf ibsaniru. Maqaan isaanii akka hin tuqamne kan gaafatan ogeessi waajjira poolisii magaalattii illee walitti bu’iinsi bifa amantii qabu magaalattii keessatti uumamee turuu isaaf amma qabbanaa’uu isaa ibsaniiru.

Sodaa nageenyaaf jecha maqaan isaanii akka hin tuqamne kanneen gaafataniif naannoo sanaa baqatan kun bilbilaan VOAf akka himanitti walitti bu’iinsa sanaan qabeenyaan manca’uu fi manneen gubachuu dubbatu.

Qajeelchi dhimmootii kominikeeshinii godina Silxee ibsa baaseen, tokkummaa uummatichaa diiguu fi komii uumuu dhaan qaamotii dubbii kaasan ittiin jedhe eenyummaa isaanii kan hin tuqne yoo ta’u, jaarsoliin biyyaa, abboonni amantii fi jiraattonni naannoo walitti bu’iinsi kun sadarkaa hamaa irra akka hin geenye gochuu isaanii ibsichi tuqee, dhimma kana irratti hawaasichi walitti dhufee akka mari’atu waamicha dabarseera jechuu dhaan Yonatan Zebidwoos gabaaseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG