Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kan Maqalee Keessatti To’annaa Jala Oolanii Turan Hooggantoonni Partilee Mormituu Tigraay Gad Dhiisaman 


FAAYILII - Magaala Maqalee, naannoo Tigraay, Waxabajii 5, 2020.
FAAYILII - Magaala Maqalee, naannoo Tigraay, Waxabajii 5, 2020.

Naannoo Tigraay keessaa hoogganni paartilee mormituu sadii yeroo xiqqoof erga to’annaa jala oolanii booda har’a Maqalee keessatti gad dhiisamuu isaanii paartileen kun beeksisaniiru. Dura taa’aan paartii Saalsaay Weyyaanee Hayaaluu Godfaay fi dura ta’aan paartii walabummaa Tigraay Dr. Dejen Mezgeb kanneen yeroo xiqqoof hidhamanii booda gad dhiisaman keessaa ti.

Kanneen hidhamanii turan keessaa tokko kan ta’an miseensi hooggansa paartii Baaytoonaa Kibroom Berihee kaleessa VOAf akka himanitti, hidhamuun isaanii Kamisa borii geggeessamuuf kan ture hiriira mormii uummataa waliin wal qabatee ti.

Dura ta’aan bulchiinsa naannoo Tigraay kan yeroo Geetaachoo Reddaa hidhamuu hoogganoota paartilee mormituu hiriira kamisa boriif dadammaqiinsa kennanii ilaalchisuun ilaalchisuun gaaffii gaazixeessota irraa dhiyaateef deebii kennaniin, naannoo sana yaaddoon nageenyaa guddaan kan jiru ta’uu isaaf dhukaatotis hedduun argamaniiru jedhan. Hiriira geggeessun mirga kennamee dha jedhanii, garuu nageenya uummatichaaf jecha yeroo fi bakk isaa akka jijjiiramu hoogganoota hiriirichaa waliin ni mari’anna jedhan.

IWEHAT geggeessuun fedha kan jedhan obbo Geetaachoon, paartichi paartii dhaloota hegeree ta’uu kan fedhan ta’uu dubbataniiru. Bulchiinsi naannoo kan yeroo, caasaan sun akka hin diriirre qaamotiin gufachiinsan jiru kan jedhan obbo Geetaachoon, akka fakkeenyaatti nuti qaama bulchiinsa yeroo miti jechuu dhaan chaappaa hojjechiisuuf kanneen tole hin jedhin hafan aanaaleen jiran jiraachuu isaanii dubbataniiru. Kunis hojii uummaticha miidhu waan ta’eef paartii keenya keessatti hin mari’anna jedhan.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:54 0:00
More
XS
SM
MD
LG