Ministriin dhimma alaa Yunaayitid Isteetis Antonii Biliinken dhimma Sudaan ilaalchisuun ibsa baasanii jiran. Miseensonni humnootii saffisaa RSF jedhaman ka Daarfuur keessaa fixiinsaa fi dararaa ka biroo ajjeechaa gosa irratti hundaa’e, qabsaa’ota mirga namaa irratti haleellaa fuuleffate, hookkara saalaa walitti bu’iinsa irratti hundaa’e raawwatan, hawaasaalee saamaniiru gubaniiru jedha ibsi kun. Kanaaf deebii kennuufis ministriin dhimma alaa Yunaayitid Isteetisii fi ministriin maallaqaa ajajaawwan waraanaa gameeyyii lama irratti tarkaanfii fudhatee jira.
Ministriin dhimma alaa Yunaayitid Isteeti Jeneraala waraanaa humna saffisaa kan RSF fi ajajaa waraanaa garee kanaa kan damee Daarfuuf Abdul Rahmaan Jumaa dhiittaa mirga namaa hamaa keessatti hirmaachuu isaanii fi uggura visa irra Kaa’ee jira.
Maddeen amanamaa ta’an akka ibsanitti, Waxabajjii 15, bara 2023 humnoonni saffisaa kan Jeneraal Juumaa dhaan hoogganaman bulchaa dhiya Daarfuuf Kaahaamis Abbaakariin fi obboleessa isaanii ukkaamsanii butuu dhaan ajjeesan. Kunis kan dhaga’ame Abbaakar gocha RSF balaaleffachuu dhaan ibsa kennanii sa’aatilee xiqqoo booda.
Haaluma kanaan mnistriin maallaqaa Yunaayitid Isteetis ajajaa waraanaa gameessa RSF Abdelraahim Hamdaan Dagaaloo miseensi garee kanaa kanneen siivilota Sudaan irratti dhiittaa mirga namaa fi hookkara saalaa walitti bu’iinsaan wal qabate akkasumas ajjeechaa gosa irratti hundaa’e raawwatan RSFttii hidhata qabaachuu isaaniif uggura irra kaa’ee jira.
Forum