Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hoogganoonni Afrikaa Naayiroobiitti Walga'an Jijjiirama Qilleensaa Ardittii Mudate Furuuf Deggersa Gaafatan 


Pirezidaantiin Keeniyaa Wiliyaam Ruutoo hoggantoota Afrikaa wajjin cufiinsa walgahii qilleensaa Afrikaa, Fulbaana 6, 2023.
Pirezidaantiin Keeniyaa Wiliyaam Ruutoo hoggantoota Afrikaa wajjin cufiinsa walgahii qilleensaa Afrikaa, Fulbaana 6, 2023.

Hoogganoonni Afriikaa ennaa isaan gumii jijjiirama qilleensaaf Naayiroobii keessatti wal ga’anii jiranitti, kan dura taa’aa gumii dhimma jijjiirama qilleensaa ta’uuf jiran, gamaaggama geggeessame isa hamaa jedhamu ibsanii jiran jechuu dhaan Rooyiters gabaasee jira.

Addunyaan galma walii galtee Paaris sanaa dhabaa jirti, kanaaf yeroo ammaa addunyaan ho’I qilleensaa degirii 1.5 akka hin danrbine qabsaa’aa jira jedhan. Yeroon konfirensiin kun itti geggeessamu, yeroo itti hoogganoonni Afriikaa caasaan faayinaansii kan dhimma qilleensa addunyaa kan haqaa miti jechuun akka jijjiiramu gaafataa jiranitti.

Kibxata kaleessaa prezidaantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruuttoo biyyoonni Afriikaa liqaa cimaan irra jiru kaan isaanii dhala biyyoonni ka biroon kaffalan caalaa dacha shan baasu jechuun komii jiru dubbataniiru.

Caasaan jiru akkaataa haala liqaa jiru baasuun ulfaataa itti ta’ett qophaa’e. Marii nu barbaachisa, marii ifaa ta’e jdhan Ruuttoon. Kan nuti jechaa jirru dhugumatti attamiin deggersa maallaqaa haala salphaa dhaan arganna isa jedhu jedhan. Gumiin Afriikaa kun ennaa banamu kan inni irratti fuuleffate, jijjiirama qilleensaaf deebii kennuuf maallaqa argamsiisuu irratti.

Afriikaan keessumaa hangi tokko dhiibbaa jijjiirama qilleensaan akka hamaatti dhiibbaan erra ga’aa jirutti, qorattoonni haala kana dura dhaabbachuuf ardittiin maallaqa barbaachisu dhibba iraa harka 12% qofaa argatti jedhan.

Wiixata darbe, projektii misooma waariinsa qabuuf kan oolu doolaarri miliyoona dhibba hedduu labsamee jira. Tokkummaan Emireetota Arabaa bara 2030tti misooma Afriikaaf bishaan qulqulluu humna ibsaa megawaatii 15 maddisiisuuf kan oolu doolaara biliyoona 4.5 gumaachiteetti. Jarmaniin projektii magariisaaf doolaara miliyoona 482, Yunaayitid Isteetis jijjiirama qilleensaa dandammachuu akkasumas wabii nyaataa deggeruuf doolaara miliyoona 30 gumaachiteetti. Angawoonni Afriikaa inverstimentiin kun fudhatama qabaatus jijjiirammni akka barbaachisu dubbataniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG