Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ministarri Dhimma Alaa Yunaayitid Isteetis Utuu Dursanii Hin Beksisiin Yukireeniin Daawwatan 


Ministriin dhimma alaa Yunaayitid Isteetis Antonii Biliinken Yukireen daawwatan
Ministriin dhimma alaa Yunaayitid Isteetis Antonii Biliinken Yukireen daawwatan

Ministriin dhimma alaa Yunaayitid Isteetis Antonii Biliinken, erga Raashaan torban tokko keessatti haleellaa misaayilaa magaalaa galma mootummaa Yukireen irratti geggeessitee booda akka tasaa Kiiyiviin daawwatanii jiran. Ministrii dhimma alaa Dimitirii Kuleebaa waliin kan wal argan yoo ta’u, prezidaan Volodimir Zeleneskii fi muummicha ministeeraa Deniis Shimyaal waliin wal arguu dhaan haleellaa geggeessamee fi deebii kennuu akkasumas deebisanii ijaaruu irratti marii geggeessu jedhamee eegama.

Bilinken akka jedhanitti Yukireenitti argamuuf deebi’anii Yukireeniin dhaquun yeroo mara gaarii fi jajjabeessaa dha. Kun erga bara 2022 Raashaan Yukireeniin weerartee qabee daawwannaa koo isa afraffaa dha jedhan. Ciminnii fi gootummaan uumanni Yukireen, humnoonni Yukireenii fi hoogganni biyyattii agarsiisan na ajaa’ibeera jedhan.

Imalli Biliinken kun kan fuuleffate baatilee sadiif Yukireen haleellaa jiru of irraa ittisuuf yaalii isheen goote gamaaggamuu yoo ta’u waraana baatilee 19 booda humnootii Kireemliin gamasii baasuuf deggersi Yunaayitid Isteetis itti fufuu isaaf, michoonni warreen gama dhiyaa deggersi isaan taasisan attamiin deemaa akka jiru illee kan isaan yaaddessuu ta’uu angawoonni Yunaayitid Isteetis ibsaniiru.

Biliinken deggrsa haaraa Yunaayitid Isteetis Yukireeniif gumaachitu kan doolaara biliyoona $1 olii ni labsu jedhamee eegama.

Forum

XS
SM
MD
LG