Xurree ittiin seenan

Breaking News

Maqaleetti Hiriirri Paartilee Mormitootaan Har’atti Waamame Humnoota Mootummaan Dhorkame 


FAAYILII - Magaala Maqalee, naannoo Tigraay
FAAYILII - Magaala Maqalee, naannoo Tigraay

Naannoo Tigiraay Magaalaa Maqalee keessatti guyaa har’aatti hiriirri nagaa paartilee siyaasaa mormitootaa sadiin waamamee ture qaamoolee nageenyaan bittinnaa’eera.

Hiriiricha paartileen siyaasaa Saalsay wayyaanee , Wuddiib Tsinaat Tigiraayii fi Baayitoonaatu waame. Hiriirri nagaa kun Magaalee Maqaleetti Addabaabayii Roomaanaatti Kamisa har’aaf kan wamaame yommuu ta’u qaamooleen nageenyaa namoota hiriira kanarratti hirmaachuuf dhufan humnaan bittimsaniiru. Itti aanaa Hoogganaa Paartii Wuddiib Tsinaat Tigiraay Obbo Aleemsaggid Areegaay Sagalee Ameerikaaf akka ibsanitti hoogantoota paartilee siyaasaa dabalatee namoonni hiriiricharratti argaman 150 ol hidhamaniiru jedhaniiru.

Hiriirri Nagaan maqaa waadaan jijjiirama hundee qabeessaaf kan jedhuun waamame hanga qaamoolee nageenyaa mootummaan bittimsamutti dhaaboliin siyaasaa kunneen ajjeechaan dhalattoota Tigiraayirraa haa dhaabbatu, Buqqaattonni gara qe’ee isaaniitti haa deebifaman, Miindaan hojjeettoota mootummaa haa kaffalamu, Tigiraayitti jijiiramni hundee qabeessi sirna irratti dhufuu qaba gaaffiiwwan jedhan akka qabanidha.

Hiriiricha gaggeessuuf qaamoota dhiummi ilaallatu hundaa beeksisuu isaanii kan ifoomsan paartileen kunneen , Gama bulchiinsa Tigiraayiin garuu yeroo hiriirichi itti taasifamuuf filatame ayyaana jala waan taa’eef daandiin cufamuun tajaajila geejjibaarratti dhiibbaa fiduun uummata rakkisa jechuun namoota hiriiraaf bakka sanatti argaman humnaan reebuun bittimsaa turan jedha gabaasaan Sagalee Ameerikaa bakka sanatti argame Muluugeetaa Atsbahaa. Akka gabaasa Muluugeetaatti namoota gamoowwanii fi suuqiiwwan jala dhaabbatanii suraa kaasanii fi viidiyoo waraabaa turanis bilbila harkaa isaaniirraa fudhuun reebaa turan humnoonni nageenyaa. Anis akka hin gabaasne na dhorkaa turan jedheera.

Dhaabbanni mirga dhala namaaf falmu kan maqaa “ Dursi mirga namoomaaf “ jedhuun waamamu ibsa baaseen hiriira gaggeessuun akka Addunyaattis ta’e seera biyyattiin akkasumas kan Naannoo Tigiraayirrattis mirga ta’uu taa’ee jira jedhee namoonni fi hooggantoonni paartilee hiriira nagaa ba’uu isaaniitiin hidhaman hattaatamaan haa hiikaman, Manneen hidhaa mootummaatiin hin beekamne haa cufaman, akkasumas bulchiinsi yeroo kan naannoo Tigiraay naannicha keessatti rakkoo nageenyaa eegsiisu qaba jedheera.

Pireezidaantiin bulchiinsa Yeroo kan naannoo Tigiraay Obbo Geetaachoo Raddaa ibsa Guyyaa kaleessaa Sabaa himaqaleef kennaniin hiriira ba’uun mirga akka ta’e himanii ,

naannichi sodaa nageenyaa cimaa keessa waan jiruuf hiriiricha gaggeessuun rakkisaa ta’a jedhanii ture jedha gabaasni Muluugeetaa Astibahaa Maqaleerraa erge.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG