Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hoogganaan Humna Waraanaa Sudaan Biyya Qaataaritti Imalanii Hoogganaa Biyyattii Waliin Dubbatan  


FAAYILII - Hoogganaa humna Waraanaa Sudaan Jeneeraal Abdeel Fataah Alburahaan, Muddee 5, 2022.
FAAYILII - Hoogganaa humna Waraanaa Sudaan Jeneeraal Abdeel Fataah Alburahaan, Muddee 5, 2022.

Hoogganaan humna Waraanaa Sudaan Jeneeraal Abdeel Fataah Alburahaan Kamisa kana daawwaannaaf gara biyya Kuwaataariitti imaluu sabaa himaan mootummaa Sudaan Ifoomseera. Ji’a Eebilaa kaasee erga wal waraansi Sudaan keessatti taasifamee as daawwannaan isaanii biyyoota Idil Addunyaatti taasisaa jiran inni alanaa marsaa sadaffaadhas jedhameera. Kunis kanaan dura biyyoota Misiraa fi Sudaan Kibbaa daawwachuun isaanii ni yaadatama.

Daawwannaa isaanii ammaa kanaanis Dohaa keessatti hoogganaa Kuwaataar Sheeyik Tamiim Biin Hamaad Al Taanii waliin dhimmoota waloo isaanii fi haala Sudaan keessa jirurratti ni marii’atu jedhamee eeggama.

Gama biraatiin Alburaahaan Roobii darbe kana labsii isa Sudaan humna addaa RSF jedhamuun beekamu akka biyyaatti qabdu diiguu isaanii labsaniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG